Ixoophiyoota firoota kiyya biyyaa fi ala jirtan: Barri haaraan yeron Krismasee kan gammachu fi eebbaa isiniif haa tahu!
Akkasuma xalayaa iyyannaa kana ulfinaa fi jaalaa waliin isin obboleewwan fi obbolleettowwan: Ixoophiyaanota barmoota politikaa, amantii, barsiisu, nagadaa qabdan fi qondaalota baratoo hunda keessaniif erga.
Ummatni Ixoophiyaa harki sagaltamii sagal kan Kiristaana, Islama, Ihudaa, Amnantii durii taahan - Oromoo, Amaara, Tigree, Guraagee, Somalee, Walayitaa, Hadiyaa, Kafaa, Affar, Nu’er, Anyuwak, fi saboota hafan, kan amantii qabani fi safuu ulfeessaniidha. Hundi keenya hundeen uumama ykn DNA keenya gosa tokko – afaan adda addaa haa dubbannu malee nuti maatii tokko. Ummati keenya dhala namaa kan tahe ni jaallatu, ni ulfeessu.
Maaliif nu, warri baranne kan dhibba irraa harka tokko taanu, ummata keenya irraa hin baranne? Maaliif falasafa alagaa kan akka Makeveli, Hoppis, fi Mark ti if hiine? Maaliif ogesata kennyaa Abba Gadaa, Zara Yaaqb, Kristor Samra hin baranne? Yoom damaqnee daa’imman keenya miliyoonotaan lakkaawaman aannaniif boo’an, jaarsolee nagaan ciisanii nagaatti ka’uu hawwan, fi dargaggoota miliyoonota hedduu beekumsaa fi barachuuf dheebotaa jiran argina laata?
Ixoophiyaan, nu ilmaan isee kan barmoota warra Dhihaa qabu, kan ummata guutuu keessaa harka tokkoo qofa taanu, qabaachuu iseef ayyaana qabeettidha. Akkasuma Ixoophiyaanota karaa teknolojii, nagadaa, seeraa fi beekumsaa barbaachisoota tahanii biroo qabaachuutti milkaahani arguun gammachuu guddaa natti dhaga’ama. Firoota kiyyaa, Ixoophiyaanota barattan baayyee keessaniin nan boona. Waggaan dhufu kun kan milkii fi jabinaa akka nuuf tahu hawwa.
Yaa-Obelototaako:Waan baayyee hojjechuun keenya mul’atullee, akkasuma humna keenyaa waa’ee politikaa falasafuu fi gareedhaa wal jibbuu irratti bal’eessineerra. Dhugaadha, Ixoophiyaanota biyya keenyaaf waan hedduu hojjetan argeera. Akkasuma waggoota 40 dabran keessa garuulee adda addaa kan wal keessatti hamii, arrabsoo, lola fi ajjeechaa deemsisan argeera. Walakkaa bar-dhibbee dabre keessa humna fi beekumsa keenya wal loluu, wal arrabsuu fi qawween wal loluutti kan dabarsan baayyeedha. Akkuma arginu kana, gochaan akkasii eessaanuu nuni hin geenye.
Jireenya keessatti waan hundi if kennuu fi tarkaanfii fudhachuu gaafata. Fageessanii ilaaluu, waan tokko raawwachuuf mamii malee murtii fudhachuu, murtii keenya immoo murannee ka’uu fi ifti amanteen tarkaanfii fudhachuu gaafata.
Mee egaa, waggaa haaraa kana keessa waan hameenyaa dhiifnee gara waan gaarii hojjechuutti humna keenya qajeelchuuf murteeffachuu ni dandeenyaa? Garaa fi qalbii keenya guutuun wal keessatti jeequmsa uumuu fi wal loluu dhaabuu dandeenya laataa? Hunda caalaa hoogganoota politikaa fi amantiitti kan ani iyyadhu, wal ulfeessuu fi wal jaallachuu irratti namoota keenya barataniif fakkeenyaa gaarii akka ta’an kadhadha. Wal arrabisuu dhiisuu dandeenyaa? Wal ajjeesuu dhaabuu dandeenyaa? Safuu aadaa keenya keessaa qabnutu jira. Innis:
Attam jirtu? Nagaa keessanii?
Jennee nagaa wal gaafachuu dandeenyaa?
‘Yeroo gariin nama abbaa ifii ajjese waliin araaramuun
ni jira’ jedhama …
Akka obboleessa keessan hangaafaatti, waggootii 50 dura jalqabee akka walii keenyaaf jaalala fi ulfina qabaannu; kan hin beekne barsiisuuf akka if kenninu, fi barmootaa fi hormaata akka guddifnuudha lallabaa ture. Hiyyeessa, dhukkubsattaa fi wal’aalaa keenyaaf jennee akka wal jaallannu fi ulfeessinu isin warra barattan, keessa iyyuu immoo geggeessitoota polotikaa fi amantii ulfinaan guddaan gaafadha. Haatahu, qawwee fi meeshaalee lolaa gurguddaas haa binnu. Walitti dhukaasuus itti haafufnu. Garu immoo jechooti jaalalaa if ulfinaa afaan keenya keessaa haa bahan! Qalama ittiin barreessinu keessaa immoo jechooti jaalalaa haa burqan!
Jaalala fi ulfina wajjin,
Oboleessa keessan hangafa,
Efrem Isaaq