Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / WORLD
Noorweey, Eertiriyaa fi Faransaay keessaatti gatiin boba’aa baayyee mii’aadha

Akka qo’annoon garee Addunyaa tokko ibsetti, bara 2008tti kanatti Addunyaa irratti gatii boba’aa ol’anaa galmeesisuun Noorweey beekamteetti. Eertiriyaa fi Faransaay gama isaanitiin boba’aa gaalooniidhaan doolaara 9-tti gurguruun itti aananii argamu.

Qo’annowwan kanaan dura taasifamaan akka ibsanitti, gatiin boba’aa ji’oota Bitootessaafi Ebla Noorweey keessatti doolaara $ 8.73gidduu dedebi’aa ture. Gatiin kun kan Ameerikaa harka lama caalee kan argamu ta’uu isaatti. Filannoo pirezidaantummaatiin wal qabatee akka gaaffii guddaatti ka’aa kan jiru gatiin boba’aa Ameerikaa keessatti gaalooniidhaan doolaara $4 gadiin bitamuu qaba kan jedhudha.

Awuurooppaa keessatti biyyonni argaman garri caalaan waggoota dheeraaf gatii boba’aa Ameerikaa caala kan baasan yoo ta’u Awurooppaanoonni baay’een konkolaattoota xixiqqoo boba’aa qusatan bitachuu eegalaniiru.

Ogeessonni akka jedhanitti gatiin boba’a dabaluu isaatiin Ameerikanoonni baay’ee naa’aniiru. Sababbiin isaas seenaa isaanii keessattii gatii boba’aa xiqqaa fi ashuuraan isaan kafalaa turaniis xiqqaa waan tureefi.

Karaa biraatiin ammoo, biyyoonni giddu galeessi bahaa kan akka Kuweeti fi Saawudii Arabiyaa boba’adhaaf doolaara 1 gaalooniidhaan baasu. Biyyoota kibbaa Ameerikaa Veennzuulaa faa keessaattii ammo gatiin boba’aa gaalooniin tokko saantima 12dha.

Post A Comment
Comments 0 comments for this article