Erga Manni Murtii Idla-Addunyaa (International Criminal Court—ICC) Muummee Minstiratti himannaa dhiyeessse boodde Muummeen ministira Misrii (Egypt) ammoo himannaa yakkaa akka muummee ministira Israa’eelitti dhiyaatu gaafateera. Muumichi Misrii dhaabbata kana yaada yookiin ilaalcha adda addaa qabaachuu isaatiif komatamaniiru.
Dhaabbanni kun torban darbee pirezidaantii Sudaan, Omar Al Bashir, himannaa yakkaa fixinsa sanyii namaa Daarfuur keessaatti dhiyeeseera. Hojjettoonni gargaarsaa himaannaan kun rakkoolee namummaa akka malee hammeessa jedhanii yaada’aniiru.
Hojjetoonni mootummaa Ameerikaallee himannaan dhaabbata kanaa tattaaffii nageenyaa Daarfuuritti jalqabameef gufuu taha jechuun sodaatan. Keesumaa humna nagaa eegdota Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaan Afriikaa gara Daarfuuritti bobba’uuf yaalii jirullee gufachiisu danda’a. Haaluma walfakkaatuun, bulchiinsi Buush dhaabbata kanaaf beekamtii hin laannee. Waggaa jaaha dura yeroo Ameerikaan Iraqiin weerarte seerootii “ICC” baseef Buush mallattoo isaan hin mirkaneesine.
Torban darbee keessa Liigiin Arabaa himannaa dhaabbata kanaa “yaada loogii tahe” jechuun mormeera. Dura taa’aan Liigii Arabaa, Amiir Muusaa “gabaasa kana keessatti waan dhugaa ta’e hin argine. Akkasumas jarreen warra finciltootaan waan jedhee hin qabu” jechuun mormani.
Haatahu malee, af-yaa’iin Sochii Walqixxuummaafi Haqaa Daarfuur ijjaannoo Gamtaa Afriikaa fi Liigii Arabaa baayyee ‘hamaa’ jechuun komatan.
Wal-waraansa Daarfuur bara 2003 finciltoota Daarfuuriifi Mootummaa gidduutti yoo jalqabu akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti namoonni kuma dhibba lama ta’an du’aniiru.