Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaaa Daariikteera Global Isport Komunikeshiin, Jos Hermens fi Geetaaneh Tasammaa, bakka bu’aa atileetoota hanga dorgommiin olimpiki raawwatutti akka atileetoota waliin wal hinagarre dhorkeera.
Bisraat Gaashaw, Pireezidaantiin Federeeshiinaa, xalayaa jarreen kanaaf barreesiteen akka Jos Hermens fi Dhabbanni isaanii gargaarsa guddaa atileetoota Itoophiyaaf taasisanii fi waliigalteen kun walhubannaa garee lachuun irratti akka hundaa’e ibsiteetti.
Haatahu malee “yeroo xiqqoo asi atii fi dhaabbanni kee garee atileetilee Itoophiyaaa keessaa odeeffannoo hundee hinqabnee fi dhimma leenjii irratti haala hinbarbaachifneen waan gidduu galaa jirtu.”
Akka pireezidaantii kanatti hojiin Hermens dhimma biyyoolessa kan faallessu waan taheef federeeshinichi ammaa achi ‘obsa’ hin qabu jedhan. “Dhimma garee atileetootaa biyyooleessa ilaalatu irratti itti gaafatamni hundi kan federeeshinichaati,” jedhan. Kanaafuu dhaabbanni isaa fi Hermens kana booda adeemsa gara atileetoota keenyaatti gootanii fi yaada atileetoota keenyaaf laattan akka dhaaban federeeshinichi ajaja dabarseera.
Miistar Jos Hermes nama lammii Hoolandii yoo tahan, Hayilee Gabrasiillasee, Qananiisa Baqqalaa fi Geexee Waamii dabalatee leenjisaa atileetoota 60-tti. Geetaneh Tassammaa immoo bakka bu’aa dhaabbata Giloobaal Ispoort Komunikeeshiin yoo tahuu abbaa manaa Gexee Waamiitti. Xalayaan dhorkaa hojiirraa federeeshiin itti barreesse akka ibsutti, Geetaneen atileetoota gidduu garaagarummaa akka uumama hijeeechaa jiru jedhameera.
Federeeshinichi Geetaneen akka gocha isaa kana dhaabu gaafachuun yoo inni gocha isaa kanarraa of qusachuu didemmoo akka seeraa Federeeshiin Atileetiks Addunyaan tarkaaniffii akka fudhatu ibseera.