Durbee Masaraat Nagaaash Saayinsii yookan Aartii barachuuf koolejjii hindeemtu. Hojii oyiruu abaabo keessa hojjettee warra ofii ittin gargaaraa jirtu yeroon deemuu qabdi.
Dibiin eda robe finfinneena KM 30 fagaatee gama lixaatin kan jiru oddoo oyiruu abaaboo Mannaagashaa keessa marga haree fidee tuuleera. Duumessi har’a ammo qilleensa qabbana’aa buuseera. Bubbeen suuta bubbisu foolii abaaboo isa urgaa’u odoo hintaane, foolii keemikaalaa nama haxxiffachiisu kajeelu fidee namatti dhufa. Daandiin tabbatti 0l qajeelu, dirree magarsaafi mukkeen babbareedaa gidduu gaxxaamuree darbee giriin haawusii guguddoo sadetitti nama baasa.
Abaaboowwan akaakuu gara garaa giriin haawusii kana keessaa hiriiranii ana haadhufu isiniin jedhu. Haa ta’u malee, qilleensi giriin haawusii keessa jiru kan alaatiin faallaadha. Bishaan ujummoowwan xixiqqaa keessaa diddich ammo sagalen isaa bulluqa jiru umseera. Hojjettoonni durbaa kudhan ta’an abaaboo walitti qabuufibaala hin barbachisne ammoo muka abaaboorraa ciruuf oliif gadi jechaa jiru.
Durbeen waggaa 19, Masarat Nagaash dubartoota kurnan keessaa tokko. Warri ishee ijoolleesaddeet kan qaban Masarat naannoo magaalaa Mannaagashatti dhalattee guddatte.Barnoota ishee achumatti hanga kutaa saditti baratterti. Masarat akkana jetti: “Abbaan kiyya na gargaaruu waanhindandenyeef barnoota kana caalaa itti fufuu hindandeenye. Lafa xiqqaa tokko qotee nama kudhan bulcha.”
Masarat omisha Abaaboo Mannaagashaa yoom akka seente sirritti hin yaadattu. “Ergan hojjechuu jalqabee gara waggaa tokkoti,” jetti, muka abaaboorra baala ciraati. Masarat guyyuma guyyaadhaan baala ciraa, jirma abaaboo muraa, kan murte kutaa dilallaa’atti geessaa, giriin haawosii qulqullessaa oolti.
Masarat “hojichi kan dugda nama kutuudha; garuu ammoo warra koo gargaaruuf maallaqa xiqqoo nan argadha,” jetti.
Masarat guyyatti sa’aatti saddeeti, ji’atti ammoo guyyaa 28 hojjetti. Seerri hojjeta biyyattii kan ajaju garuu tobanitti sa’aatii 48 qofa. Masarat torban lama keessatti sa’aatii saddeeti dabalataan hojjetti. Boqannaan ishee guyyaa tokko qofa. Kaffalti dabalataa garuu hinqabdu. “Dhiheenya kana birrin tokko naaf dabalameera. Amma guuyaath birrii saddeetitu naaf kaffalama. daballiin kun birrii sagal yookin kudhan odoo gahee na gammachiisa,” jette masarat sesseeqa. “Daballin hanganaa galgala barachuuf naa ta’a.”
Masarat dafte barnotatti deebi’uuf hawwii qabdii. Haata’u malee, hogganaan ishee hammam hojiichara akka ishee tursu hinbeektu. Nama ishee mindeesse waliin waligalteee tokkollee mallatteessitee hinqabdu. Waldaa hojjetaa kaffaltii gaariifi faayidaawwan biroo akka argattu falmuufille hinqabdu. Masarat “Waldaa hojjetaa waan jedhamu hinqabnu maal nufayyadu akka dandauyyu hubannoo hinqabnu,” jette.
Masarat muka abaaboo qoree filaa filaa qaburraa gowaantii malee wayita baala cirtu nama ajaa’ibsiisa. Waan tokko harkatti odoo hinmaratin abaaboo murte kutaa diilallaa geessitee, kutichas qulqulleessiti, “fooliifi qoreewwan jirma abaaboo kana itti bareera,” jettii. Masarat “Yeroo tokko tokko foolii keemikaalaa hamaa isaatu nutti dhufa; yoo komii kaasne giriin haawusii itti aanu keessa akka hojjennu nutti himama,” jetteerti.
Industiriin abaaboo Itoophiyaa akka malee duroomaa jiru gabaa abaaboo warra Awurooppaarraa kan dhufeedha. Gabaan warra Awurooppaa fiixee kaabaatin jalqabe kun dhuma jaarraa 20ffaa gama kibbaatti babal’ate. A.LA. hanga bara 2000itti abaaboon daldalaaf oolu harka 3 keessa harki tokko naannoo kibbaa irracaalaa ammoo Afrikaa bahaafi kibbaa keessatti omishama. Yeroo ammaa Itoophiyaa iddoo industiriin kun itti babal’ataa juru taatetti.
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti omishni abaaboo kanakka abaaboo Mannaagashaafaa 200 ta’utu jira. Baay’een isaanii A.L.A bara 2000 omisha jalqaban. Oomishni abaaboo kun lamiilee Itoophiyaa baadiyya jiran kanneen kumaan lakkaawamanif carraa hojii uumu jedhamee abdatama.
Kana malees, mootummaan galii guddaa ashura abaabo alatti ergamurraa waan argatuuf dame kanaatit xiyyeeffannaa guddaa kenneera. Haa ta’u malee, industiriin kun komii hedduu fidee dhufeera. Kanneen keessa, faalamni naannoo, hojjetaan sarbamuufi qabannaan lafaa sirrii ta’uu dhiisuun komiiwwan muraasa.
Dhiibbaa naannoorratti qabu
Industiriin kun farra ilbiisotaafi xaa’oo keemikaalaa fayyaadama. Industirichi keemikaalota kana hedduumminaan waan fayyadamuuf naanno miidhaa jira jechuun komatu ogeeyyiin egumsa naannoo. Kana malees, bishaan danuu omisha kanaaf oolcha jedhamee komatama.
Yaaddoon ogeeyyii kanaa omishni abaaboo xaa’oo kan umamaa hintaane hedduu biyyootti gadi naqee biyyoon gosa ashaboo akka horatu kan godhu waan ta’eef. Biyyeen ashaboo qabu ammoo sanyii biqiltu tokko hinmagarsu. Kananmalees, keemikaalli baay’annaan lubbu qabeeyyii faayidaa qaban ajjeesee biyyoo keessa balleessa. Qorichi farra ilbiisotas bishaanitti gallan sirna lubb-qabeeyyii balleessa. Kanamalees, bishaan hedduu fayyadamuun akka keeniyaa, kutaa Naayivaasha keessatti uumamee ture, hawaasa naannoo wajjiin waldhabdeen akka uumamu taasisa. Haalli kun bishaan kuusaa uumamaa keessaallee duguugamee akka dhumu taasisuu danda’a.
Omisha Abaaboo Mannaagashaatti, ogeessa qonnaa kan ta’an, Obbu Siyyum Fanjaa akkas jedhui “abaaboo daaraa diimaarra waan dhaabnuuf, qorichi farra- ilbiisotaas ta’ee xaa’oon kan umamaa hintaane biyyootti gadi lixuu hindanda’u.”
Maddeen bishaanii ilaalchisees Obbo siyyum “nuti bishaan boollaatti fayyadamna,” jedhu. Omishni abaaboo Mannaagashaa guyyaa tokkotti qoricha farra-ilbiisotaa liitiroo 20 fi bishaan liitiroo 96,000-210,000 fayyadama. Fayyadama keemikaalaa ilaalchisuun ammoo, hogganaan oomisha abaagoo Mannaagasha obbo Daawiit Ari’ayaa “abaaboo keenya gatii gaaritti gurgurachuu waan barbaadnuuf, seera namusaa addunya hordofna,” jedhan. Dhaabbileen addunyaa tokko tokko abaaboo kan madaalan, dhiibbaa naannoorra gahuuf malu hir’isuuf carraqqii godhamaniini. Sadarkaa ‘A’ argachuuf sadarkaa “C” irra gatii gaarii nu argachiisa jedhu abbo Daawiit. “Itoophiyaan kanuma Itoophiyaanotaati; nuti biyyatti guddisuuf malee, naannoo keessan balleesuuf hindhufne” kan jedhan ammoo hogganaafi abbaa oomisha abaaboo Jerichoo kan ta’an adde Anaat Hararii Degaaniidha. Adde Degaanin mukkeen baargamoo ciramuu isaanii amananii “mukti biyyanatti qofa margu tokkollee” akka hintuqamin dubbatan.
Fayyadama keemikaalaa ilaalchisee ammo “nuti seeraafi qajeelfama addunyaatin bulla; naannoo balaa jalaa baraaruun, haala hojii sadarkaa eeggateef dhaabachuufi nageenya hojjettootaa eeguu akkasumas fayyadama keemikalaa hir’isuu. Ulaagaalee kanneen guutuu baannaan gatii gaaritti gurguruu hindandeenyuu. To’annaa qulqullinaaf waraqaa ragaa qabna” Jedhan. Omisha abaaboo Jerichootti abaaboon biyyoo uumamaarra dhaabbama. xaa’oon bifa bulbulaatiin biyyoo umamaatti gadi lixa “naannoo Adaamatti qonnaaan bulaan xaa’oon xaafii facaasa. Keenyas sanaan adda miti,”jedhu Deganiin.
Barreessaa olaanaan waldaa oomishtootaafi ergitootaa abaaboo Itoophiyaa obbo Sisaayi Habtee akka jedhanitti, industiriin abaaboo dhiibbaan naannorraan gahu hanga ammatti hirqoratamne.
“Balaa inni naannoorran gahuuf yeroon yaaddoofnu hingeenye; dhiibbaa inni fidu keeniyaafi biyyoota biroo muxannoo qabaanirraa barachuuf carraa gaarii qabna,” jedhan. “Piroojektiin kammiyyuu dhalli namaa harka keessaa qabu naannoorratti dhiibbaa qaba. Garuu namoonni tokko tokko kan industirii abaaboo maaliif akka xooxessan na dhiba.”
Oomishtoonni abaaboo hedduun sababa mi’aa baasiitin daaraa diimaarra abaaboo akkahindhaabne Obbo Sisaayi ni amanu. Haa ta’umalee, waldaan isaanii omishtoonni daaraa diimaa mala to’anna ilbiisotaafi xaa’oo umamaatti akka fayyadaman onnachiisaa jira. “Reefu jalqabna waan ta’eef beekumsaafi ogummaa gahaa hinqabnu,” jedhu Sisaay. “Ta’us waldichi leenjifi seera hojii qopheessaa jira. Dhimmoonni omishaa, hojjetaa, naannoofi hawaasaaf dursi laatameefi hojii omisha abaaboo jalqabuufi hojjechuuf ulaagaalee xiqqumaan guutamuu qaban gochuuf yaalaa jirra,”
Toftaan gataan ittiin gatamus dhimma falmisiisaa ta’eera. Abbaa taa’itaa egumsa naanootti eksipartiin kutaa qorannaa miidhama naannoo, obbo Abirahaam Hayilemelekot “gataan haalaan qabamee yoo gatame malee lafa bishaan jirutti duudu yookan namoonni itti fayyadamanii balaarra bu’uu danda’u,” jedhan. Akka isaan jedhanitti “meeshaan qorich farra ilbiisotaafi xaa’oo keessaa dhume awwaalamee pilaastikaan cufamuu qaba; bishaan xura’aan ammoo oyiruurratti qulqulla’uutu irra jira”
Adde Degganiin gama isaanitin “Abbaa Taa’iitaa Egumsa Naannoo Itoophiyaa ilaalchisee, namni dhufee kana nuun jedhe tokko hinjiru. Qabeewwan keemikaalaa duwwaa jiraniifi abaaboowwan gataman walitti qabamuutu irra jiraayyu,” jedhu. “Qabeewwan man-kuusa keessa olkeenyee abaaboo gatame garuu awwaalaa jirra.” Degaanii keessumaa waa’een qabeewwan keemikaalaa yaaddeseera.
Siyyum akka dubbatutti oomisha abaaboo Mannagashaatti qabeewwaan qoricha farra-ilbiisotaafi Xaa’oo ni awwalamu; garuu dangeeffamanii hincufaman. Gataawwan akka balaa tortorsamanii ammoo mukkeen oyiruurra dhaabuuf oolu. Maddeen bishaannii ilaalchisee ammoo Daawit “Bishan xuraa’e deebisnee fayyadamuufi bishaan roobaa cimmisuu jalqabudhaaf karoora qabna,” jedhan.
Akka qajeelfama naannoo biyyoolessaatti kaampaniiwwan piroojekta isaanii jalqabuun dura dhiibbaa inni naannoorratti fidu sirritti qorachuu qabu jedhu Abirahaam. Industiriii abaaboo ilaalchisee “qorannoon dhiibbaa naannoo essatti yeroo akkamii akka qoratamu wanti beeknu hinjiru” abbaan taa’iitichaadhiheenya keessa fayyaafi nageenya naannoofi hojjetaarratti qorannoo wayi hojjeteera; “garuu sababa isaa amma ibsuu hinfedhu malee bu’aan qoranichaa hanga ammaatti ifa hinqodhamne,” jedhan Abirahaam.
Dhimmoota Hojjetaa
Industiriin abaaboo guutuu addunyaa keessatti hojjettoota kumaatama mindeessa. Kana malees, industirichi sharafa alaa argamsiisuu, baadiyyaatti tasgabbii buusuufi tajaajila hawaasummaa babal’isuuf gumaacha olaanaa gumaachaa jira. Haata’u malee haalli amma addunyaarra jiru akka agarsiisutti hojjettoonni mirgoota isaanii dhabaniiru. Itoophiyaa keessaatti oomisha abaaboo tokkollee gamtaan hojjetaa keessa hinjiru. Gamtaa hojjetaa hundeessuu, gamtaan waligaltee raawwachuufi haalli hojii nageenyaafi fayya-qabeessa ta’e akka uumaamu gafachuuf hinheeyyamamneef. Falmitoonni mirgoota namumaa omishtoonni abaaboo hojjettoota hinbaratiniifi warra kaffaltii gad-aanaan hojjetan fayyadamu jedhanii falmu. Hojjettoonni harka yookan fuulatti odoo hinmaratin duwwaa qorichaa farra- ilbiisotaafi qoree keessa hojjetu.
Hojjettoonni keemikaalaafi fooli balaafamaaf waan saaxilamaniif fayyaa dhabaa jiru. Kana malees sa’aatii dheeraa hojjechuf dirqamu; hojiirrallee yeroo fedhe ari’amuu danda’u.
Keessumaa dubartoonni hojjetan saamicha humnaa, sarbama salqunnamtiif saaxilamuu. Kanamalees, dahumsaaf boqannaa hinagatan. walitti baay’atanii jraatu; mindaan agatan xiqqaadha.
Umrii waggaa 24 kan qabu Maammush Kabbadaa Ankoborii dhufe. Hojii yeroodhaaf argate gadhiisuun dura naannoo Mannaagashatti ji’a lamaaf oyiruu abaabooratti hojii bifuu hojjeteera. Maammush akka jedhu “Hiriyoota kiyya shan waliin taanee mindaan akka nuuf dabalamu(birri 8 gara 10 ) gaafanne. Garuu ji’a jahaaf daballee akka hojjannu nutti himame.” “Achumaan keemikaallin biifu cittoo aan natti yaaseef gara kutaa biraatti akkan geeddaramu gaafdhe; garuu turuu yoo barbaadde bakka jirtutti hojiidhuma biifuu akkan hojjedhu natti himame,” jedhe Maammush. Mindessaan isaa wadaa seene waan hineeginiif, Maammushiifi hiriyoonni isaa afur hojicha gadhisanii deeman.
Durbee waggaa 23 kan taate Aster Girmaa oomisha abaaboo Jerichootti baala gatamu funaanti. yeroon isaa guyyaa qixxeedha. Ho’inni giriin hawosii keessa jiru digirii seentiigireedii 38. Guyyaaatti kan kafalamuuf birrii saddeett. “Ho’inn isaa olaanaadha. Guyyaatti sa’aatii saddeeti; torbanitti guyyaa ja’a as keessatti bulluqee dafqaa waanan ooluuf kana caalaa naa kafalamuu qaba,” jetti Aster.
Barreessaa olaanaan konfedereshina gamtaa hojjettoota Itoophiyaa obbo Taarikuu Shaccaachaw akka jedhannitti, omishtoonni abaaboo hojjettoonni isaawnii gamtaalee hojjetaa akka hinseenne dhorkaniiru. “Omishtoonni hojjettootani isaanii gamtaa akka hundeessan akka heeyyamaniif irra deddeebinee hubachiisneerra. Haata’u malee, akka omisha abaaboo golden iddoo gamtaa hundeessuuf yaalletti nu tuffatanii hojjettoota ari’aniiru. Itti dabaluudhaan omishtoonni gamata hojjetaa kan sodataniif, hojjettoonni mirga isaanii yoo gafatan baasii dabalu; mindaa nu dabalchiisu; haala hojjii fooyya’a kajeelu jedhanii waan yaaddaaniifi.
Obbo Taarikuun waggoota jahan darban keessa daballi nindaa maqaa qabu hinarganne; mirga inshuraansi qabanillee fayyadamuu hindandeenye jedhan. Obbo Taarikuun akka dubbatanitti, oomisha abaaboo tokko keessatti hojjettuun tokko odoo murtuu quba ishee kuttee gateetti. Wal’aansaaf jecha birriin 100 kennameefira. Haata’u malee, gaafa mindaan gahu, birriin 100 sun mindaa isheerraa cite.
Daawit “Nuti gamtaa hojjettotaa hindhoowwinu,” jedhu. “Hojjettoonni keenya hundaffachuuf hingaafatan. Ani hojjettotata 300 waliin haasa’u mannaa lama yookan sadi waliin mari’aachuutu natti salphata.” jedha. Oomisha Mannaagashaatti guyyaatti birriin saddeet (doolaara Ameerikaa tokkoo gadi jechuudha) kaffaltii giddu galeessaan kaffalamuudha. Daawit “Hojjetooni keenya kanaa ol argachuu qabu,” jedha. “Garuu hanga ammaatti guutummaan erguu hinjalqabne,” jedha. Siyyum gama isaatin, Degaanin akka jedhanitti gaaffiin hojjettoota ilaalchisee ka’uu qabu, hangam of gargaaruu danda’an kan jedhuudha. “Siwiizerlaandirra biyyanatti doolaara 1000 jireenya dansaa jiraachuu dandeessisa. Dafqa namaan bu’aa argachaa jirra. Nuti kanuma isaaniti jennee yaanna,” jedhan. Deganiin gareen lamaanuu-Mindeessaafi hojjetan walta’uu akka qaban cimsanii dubbatu.
Gamtaa hojjetaafi mindaa ilaalchisees Deganin “Qonnaan bultoota naannoo kanaa biratti kaffaltiin barame jira; keenya kanaan adda ta’uu hindanda’u,” jedhu. Degaanin akka jedhanitti hojjettoota isaanii keessaa tokkollee gamtaa hojjetaa seenuuf na hingaafanne. “Tarii iddoon kun itti toolera ta’a.” Oomishnin abaaboo kun hojjettoota isaatif tola laaqana waan laatuuf omisha Itoophiyaa keessa jiran kamirraayyuu adda isa gadha.
“Industirii kana keessatti mirgi hojjettootaa nu quuqa,” jedhu Abirahaam.”Naannoo hojii nageenyaafi ququllina qabu uumuu qabna. Hojjettoonni sirritti yoo eegaman malee, Keemikaalaan warri hojjetan dhibee fayyuu hindandeenye kan akka ‘carcinogenic’n qabamuu danda’u.”
Sisaayi ammoo mindeessitoonni iddoo gamtaan hojjetaa jiranitti haalli hojii gaarii hin ta’u jedhanii yaadda’u falmi jedhu kaasan. Hojjettoonnifi hoggantoonni gamtaa mirga qaban akka hintaanetti fayyadamanii hojii isaanii sirritti hojjechuu dagatu jedhanii falmu Sisaayii.
Abbumaa lafaa
Latti mootummaa harka ta’uun, Omishtoonni abaaboo lafa akka laayyotti akka argatan gargaareera.
Umrii waggaa 28 kan gabu, Abiy Mazgabuu, naannoo magaalaa Amboo jiraata. Dhiheenya kana lafa heektaara tokkoo birrii 30,000 itti warra abaaboo omishanitti gurgureera. Gatiin kun kan oomishtoonni baasani. Haa ta’u malee, omishatoonni laficha waggaa meeqaaf akka fayyadaman waliigalteen tokko hinjiru. “Qondaaltonni mootummaa naannichaa akkan gurguru naamansiisan. Yoon dide lafti kan mootummaa waan ta’eef, akka narraa fudhatan na akeekkachiisan,” jedhe Abiy, “Ganda keeyna keessatti qonnaan bultoonni lafa ofii gurguraniiru; garuu mallaqicha jireenya isaanii foyyefachuuf hinoolchine. Farsootti fixan.”
Abbaa ijoollee shanii kan ta’an Addunnaa Warqinaa naannoo magaalaa Mannaagashaatti, oyiruu abaabootin marfamee jiraata, Qondaaltinni mootummaafi omishtoonni abaaboo dhuunfan dhufanii isa dubbisan. “Lafa koo yoon gurgure faayidaa caalu akkan argadhu natti himan. Ani didullee, naa amansiisuuf yaalii godhan.” Addunnaan lafa qotatee maatii ittiin bulchu heekataara afur qaba. Hanga birrii 70,000 isaa kenname. Garuu “birriin hammasii oggasuu dhumti, lafti kiyya jireenya koo guutuu na qananiisa,” jedha.
Omishni abaaboo kun wanti nu fayyadu hinjiru; yoo xiqqaate carraa hojii uumu jedhamee abdatama jedha Addunnaan. “Naannoo keenyaa kan mindeeffaman xiqqoodha. Baay’een isaanii eessaa akka dhufan hinbeeknu,” jedhe. Addunnaan gara sululatti agarsiisaa, “iddoon oyiruuwwan abaaboo jiran kana dur mukkeen biyyanaafii baargamoo, iddoo dubartonni keenya qoran cabsatanitu ture. Har’a garuu, oyiruun abaaboo adiyyootti nu hambiseera,” jedha.
Waggoota muraasa darban keessa mootummaan abaaboo biyyoota alaatti ergamerraa galii birrii miliyoona 600 ol orgateera. Waggoota muraasa dhufaan keessa gara doolaara miliyoona 300itti guddisuuf karoorri qabameera. Mootummaan balaa omishni abaaboo naanoorraan gahu, dhimmoota hojjettootaa sirrii hintaaneefi haala lafti ittiin kennamaa jiruurraa waan garagale fakkata. Dhimmoota kaanneen ilaalchisee sadarkaa biyyaattis ta’ee adduuyaatti yaaddoon jabaachaa dhufullee, industiriin abaaboo akka malee gara Itoophiyaatti as xinnichaa jira.
Degaanin Itoophiyaa dhufuu dura, keeniyaa keessatti abaaboo omishaa turte. Degaanin akkana jedhu. Har’a biyyoota gidduu daangaan hinjiru. Muuxannoo baay’ee biyya tokko argattee biyya biraa geessita. Qonni hojjetaa baay’ee barbaada. Iddoo omishnutti gama hojjetaafi gabaatin carraa dilbii jiru ilaalla. Nuti akka dhaabbiilee Miti-mootummaa miti; nuti hojii bu’aan irraa argamu hojjenna. Itoophiyaan impaayera dilbii Afrikaati. Itoophiyaaan Olka’uumsa lafaa mijawaa, biyyeefi bishaan qulqulluufi keessumaa ammoo nageenya waan qabduu ni filanna.”