Poem | Walaloota Zelealem Aberra
Achii ….
“Axaariin-gandii-bittiin…!”
Mammaaksa nama abshaalaa ti.
Asii …
Garraamiitu dagata
Axaariitu gandii bita
Kumafaa irraa buufata!
Asii …
Yeroo ganna, gannaa
Bishaantu kottoonfate karaa’rra quphana.
Yommuu bona bonaa
Qaama diriiraftee aduutti banbana.
Achii… bishaan rooba
Asii… bishaantu gooba!
Asii…. bishaan miti jirbiitu gad harca'a
Suuta jedhee, lafa gayee dhagaa ta'a
Yoo muran qottoo cabsa
Yoo qotan maarshaa dabsa
Hinkantara dhgaa ta'aa
Sodaa abiddaa fi sodaa aduu lafaa ka'a.
Ganna guutuu ciisaa bayee
Aduun dhuftee yoo dhagayee
Gaafa sana lafaa ka'ee dambali'a
Hinsokossa, hinsocho'a, ciisee yaa'a!
Achii…
Bishaan bona qaami huuqqatee laga ciisuu
Ganna, ganna, qaamii furdatee, baqatanu nama hindhiisu
Miilla baasaa miilla qaba
Muka guddaa namaan yaaba
Muki guddaan cabee hinbeeknee, gaafa sana namaan caba
Utuu hindu’in ekeraan ofii namaan xaba.
Hinbookkisaa hinmardhata
Hindheekkama hinduta
Hinxirqana, hinfoolata
Diddiqa muree kaata
Dhagaa gatiitti ti baata
Awwaala eenyuu dhaqa laata?
Achii….
birraan birraa bariiti
Aduun ganama baatee, galgala dhiiti
Gurbaan gayee fuudha,
Intalli gurbaatti eerumti
Eenyummaansafuun eegamti.
Asii…
Birraan ganna bariiti
Aduun hinbayin dhiiti
Walitti baqeera daangaan identity
Dibichi dibicha, goromsi goromsa ariiti
Waansaa akka cagginoo ti.
Achii …
Harmi jige hamma du’e
Asii…
Harmi jige hamma gu’e.
Achii ….
Harmi jignaan gatii hinqabu
Asii…
Harmi jige gatii hindhabu
Utubaa dhaan utubu
Utubani ol qabu.
Achii….
Harmi jignaan ol hinjedhu lamaffaa
Qoma’rra as gadi rafa.
Asii …
Harmi ka’ee dhaabata
Dhangalaasa dhahata
Jigee hinhafu eessa abbaa saa
Cireessatu utubee kaasa.
Lakkii jigee hinhafu qoma irratti hodhame
“Jiruun tole harma jige kaasaan” kanaaf mammaakame
Nattii fakkaata…!
Achii .…
Dhagaa burruusaan waqaru
Waqaranii dallansiisu
Asii …
Dhagaa bobaa qirqiru
Qirqirani kofalchiisu
Achii …
Muki gognaan cabuu hinnuffu
Asii …
Muka gogaa maranii gudunfu.
Achii....
Eega dhiyee galgala
Aduu manatti gala.
Galgala, Settu Hoorusiin qala
Ganama, Hoorustu Settiin qala
Setti fi Hoorus waliif morka
Barri akkasiin, dhufee sokka.
Asii .…
Dukkanni gara golaa
Aduutu fandalala
Yoo barbaade ala bula
Hoorusiif Settuu walii gala.
Achii….
Bofa harkaan hinqabani
“Jaamtu hinjaamti malee saree ija hindhiqani”
Isheen soroobbaa joortii
“Dubbii barbaacha gabaa baatii”!
Jedhani itti qoosu
Akaakuu shee arrabsu
Bataskaana yoo seentee Maqoomaa itti caccabsu
Ifannaa dhaan kineessu
Iddoo ejjennaa sheetti xabala itti facaasu
Ixaanafa'iin qoraasu.
Asii ….
Bofa dugda qabu, yeroonni hanqaaqu
Sareenis hinjaamtu, mashaammasha ija dhiqu!
Ilkaan shee qulqulleessu, rifeensa shee murmuru
Qullaa shee daara baasu, qeensaa sheefaa irraa qoru
Taa'a sheefaa irra haqu, erbee fincaani geeddaru.
Cidha sheefaa cidheessu
Waayee akaakuu sheeti biyya hundaatti odeessu!
Batskaanaas yoo lixxee eenyuyyu ishee hinkineessu
Isheetu hindhaquuf malee!... eebbisani geggessu.
Akka mucaa dalga baatu
Wojjin daabbo cuffatu
Yoo of-agarsiisaa malee, sorobbaaf manaa hinbaatu
Hunduu waayee shee dubbatu
Siree tokko’rra rafu, tokkittii boraafatu.
Hunduu ishee mararfata
Afaan shee keessa dhungata.
Eenyu dhagaan darbatee?
Eenyu maqaoomaan rukutee?
Eenyu ixaana itti aarsee?
Xabala itti facaasee?
Achii….
Sareetu mirga sarummaa dhaba
Asii…..
Sareetu mirga namummaa qaba!
Hattuu fi yakkamtuu malee, diina tokkolle hinqabdu
Roorroon itti baayyatee, biyya abbaa sheeti hinbaddu!
Achii…
Lafa’rra, jireenyi dhala namaa
Asiis…, lafa’rra jireenyi dhala namaa
Garuu, akka xuqaas lafa uree keessa deema
Achii…
Warratu ijoollee guddisa
Asii…
Ijoolleetu warra guddisa
Achii….
Namichatu abbaa mucaa ti
Asii…
Achii…
Warratu ijoollee qimmiddata
Asii…
Ijoolleetu warra abboommata
Achii…
Ijoolleetu hambaa kajeela
Asii…
Warratu hambaa nyaata teellaa.
Inni akka biyya sanaa hinjiru biyya kana
Ulfinni kan saree fi kan ijoollee ti addnaa
Korma sanbataa ti namni isaanitti himbu’u
Dhawuu fi qimmidu miti eenyumtuu hinqossa’u.
Achii….
Sinisinni dhoksuuf huuqqatu
Sisinni balaaleffatu
Asii….
Sinsinnii dhaan gabbatu
Qaroomaan dagaagfatu
Sinisinniin biyyichaa nama ormaattuu hindarba
Akka utaalloo ti, qilleensuma keessa funyaan nama qaba
Isa dura dhufetu isa teellaa dhufe ijaan argaa jibba
Stockholm syndrom maqaa jedhamu qaba
Achii….
Nagaatu gaafatama
Oduutu firfirsama
Afaantu banatma
Asii…
Nagaatu tuffatama
Gaazeexatu dubbifama
Oduutu funaanama
Afaantu cuqqaalama
Achii….
“Haxxisoo seerri hindhowwu….”
Fottossani haxxiffatu
Bargganfatani amuummatu
Asii…
Haxxissoo seeratu dhowwaa
Ukkamsani haxxiffatu
Keessatti amuummatu
Asii…
Daamaa farda saa’rraa yoo eegee buqqisee
Ofiisaaf suuqatee, garmaamee himimse
Salgan nama saati kana argee fajaja
Oguma namichaa, lafaa ka’ee jaja
Dandeetti fi kennaa saa guddisee kabaja
Ogumni akka kana sochii ogina kamitti akka ramadamu
Surrealism, Cubism, Structuralism, Impersination…., maalin akka waamamu
Baree barsiisuu dhaaf, waa hedduu rakkata
Qoruuf ijibbaata, wabii sassaabbata,
Achii….
Utuu kana argee hunduu kolfaan huursa
Ofiisaa tiif kolfee, kolfee, kolfee, eega quufe booda, ollaadhaaf hambisa
Waayee eege fardaa namichi suuqqate daboo ’rratti odeessa
Amaamotatti himee, kolfee kofalchiisa
Warra gaddi hube ittiin jajjabeessa
Gaafa awwaala booddee mukuu ittiin wal baasa.
Achii …
Ooltee? bultee? Jedhaa namni yeroo wal argu
Inni karaa deemu, kan wal bira darbu, kan kefkeffee dhugu
Geejaba keessatti naga wal gaggabsa
Nagaa gaafachuu dhaaf kan rafe dammaqsa
Namicha garasii, dubartii garanaa
Isa as dhiwoo taa’e isa gama sanaa
Isa gara teellaa, yookaan isa cinaa
Attam naguma jirtuu?
Addis Abaqa dhaqxuu?
Kanaumaa maaf dhaqxu?
“Naguma bultanii aaddee haadha Saaddala?
Ani rafee hinbullee kaleessa galgala.
Barcuma argattani obbo abbaa Xilawu?
Silaa… dhaloonnii si’ana lafaa namaa hinka’u!
Attaam coraan keessaan naguma moo adaraa
Maatii hundi fayyumaa… quba qabduu fira?”
“Maalan nagaa bula aaddee haadha Nagawoo
Mooyyee saatti naqee na tumaa bulewoo
Isinoo nagumaa attaam jirtu adaraa”
Jedhee wal gaafaata jedheetu wal qora
Asiii..
Geejeba yaabanii nagaa wal gaggabsuun addaana eessa jira?
Afaan cuqqallatee, hunduu ija saatiin gaazeexaa injira.
Yookaan karaa foddaa bakkeettii ija miixaa
Achii as galgalee eessa walittii xiixa?
Achi…wanti odeeffamu raajii fi hooda jira
Asii…raajiin eega badee barri saa tureera.
Barcuma cina kee’rra tokkoo yoo qubate
“Noori" ittiin hinjettu xinnooshe ol kaatee.
Waa tokko sin dinquu, bar jimmaa jimmiite!
Waraabessi barii, mataa harree duutee
Dhiiga irraa coccobsaa afaanittii baate,
Yoo baabura seene, cina kee qubate
Yookaan …
Leenci agabuu bule yoo si bira taa’ee sagal amuummate
Yoo foolii si fuudhee sagal si fuunfate
Si shirrisuu hinqabdu qaamni kee suukantee.
Yookaan…
Butamaan namicha, Yoo taa’e e cina kee
Yoo caraane kolfe, akka harree alaake
Hin alaakuuf malee…gaggaba qasa’ee, yoo haasayee cooke
Yoo qoose, yoo baace, munaaga munaage, shimila mammaake
Bar kolfa kolfuu miti, qummaada hinqummaaddu, kun miti dhimma kee!
Yoo fedhe haa caraanu yoo fedhe haa baroodu
Siif giroo kee miti, qaamni sin shirrisu hidhiin sin qummaadu
Akka hinirraanfannee ilkaan afuuf miti kan geejaba yaabdu!
Achii…
Haasaa gaadu
Asii….
Yaadaan badu
Fakkeenyaaf …
Namichi si cinaa, oduu gojoma’u
Haasa mangaaga tokko akka sitti haasawu
Yommuunni jalqabu, …ati callisi taa’i inni haxaxxaxawu
Na komata jette waa akka hinyaadofne
Duuka haasawuuf jettee akka afaan hinbanne
Atoo as hinjirtuu eessaa si komatee
Atoo ala jirtaa karaa foddaa baatee
Fuulli kee woo inhima akka yaadan godaante
Xis-ximbaa akka hinjenne inni haaxaxxaaxawu akka isa maraate
Akka hinirraanfannee bultee kee ganama hinxiixini nyaatte!