Ganama bareedduu. Ji’a Onkololessaa, aduun koola samii taliilee dirgolbe afame jalaan baate lafa ho’istee jirti. Bosonni awaa’ee callisu uffatee, otoo shooki jedhee hin shokoksiin akka reeffa qorree sochii malee taa’a. Bubbeen mukeen asii achi raasuun gaafin dirqiin sagachiisu; gaafin dirqiin shubbisiisu har’a bakka buuteen isaa dhabamee jira.
Qabbana mi’aawaa kana keessaa iyyi dheeraa sukkanaawaan, sagalee dubartii tokko gurra Bornam Taasisaa kaase. Dura hin rifate, iyyichi yommu deddeebi’u garuu waan tokko uumamuu hin oolu jedgeeti wanticha uumame baruuf siyaa’e. Iyyichi ittuma fufe lafa irra quphanaa, looya gara dubartitti iyyituutti siqe. Ammas mudhii qabattee iyyiti. Bira gahee “maal taatee?” jedhe itti iyyee naannoo ishii toyatee, namni biraa jira moo hin jiruu erga mirkaneeffate booda ukkaamsuu barbaade, garuu immo yoo ittuu iyyite hoo jedhee sodaate. Tariis immo namni biraa yoo duukaa jiraate shakkee shugguxii isaa itti qabe.
“Waan taate hin dubbattuu?”
“Dhii…dhii...dhiirsa- Abbaa manaa kootu of fannise.”
“uuh…,”jedhee afuura dheeraa baafatee suuta “eessa?” jedheen.
“Kunoo achi” jetteen imimmaan irraa rooba jiru haxawwachaa qubaan eeraa. Shugguxicha akkuma itti qabetti karaa ishiin qubaan eerte ilaale. Namtichi dheeraan tokko funyoon mukatti rarra’ee jira. Shugguxicha gadi qabee namichatti deemee ilaale. Dubartittii garagalee ilaalee.
“Maaliif of ajjeese?” jedheen.
“Maalin beeka ani” jette ija sodaan.
“Namni dhagahe jiraa?” jedheen hatattamaan
“Homtu hin dhageenye.”
“Tole, gaariidha, garuu maal ta’ee akka of ajjeese tasumaa hin beektu? jedheen.
“Dura qarshii wayii nama irraa liqeeffatee ture. Abbaan qarshicha guyyuma guyyan deddebi’ee; ‘qarshii koo naa keenni’ jedhaanii ture. Kaleessuma kana immoo dhufee “qarshicha naa deebisuu baannaan sin hiisisa,” jedheenii ture. Kana booda aareee baye. Ergasii manatti hin deebine. Kunoo har’a asitti argame. Hunduma irra kan na gaddidiidu imoo du’a isaa qofa miti. Ijoollee koo akkamitti akkan guddissu dha,” jeette hirqinfattee booche.
“Ijoollee meeqa qabda?”
“Ijoollee laman qaba.”
“Amma ilaa malan sii mala. Mala kana maaliif jette of hin gaafatin. Callistee fudhatta waanan sin jedhe hundaa ni rawwatta, malee reeffatti booyuun gatii hin qabu, “ jedhee amansiisuu yaale. Yeroo duraa fudhachuun itti ulfate. Ulfaachuuqofa otoo hin ta’in abbaa manaa ishii baay’ee akkas jaalattu eenyuunuu bakka buusuu akka hin barbaane itti himte.
“Giiftii koo, du’aan reeffa: jaalalli isaas, jibbi isaas, gammachuun isaas, giddi isaas walumaa galatti miirri isaa du’ee jira. Leenca du’e mannaa adurree jirtu wayyya. Kanaaf reeffatti booyuu dhiistee kan lubbuun jiru baraaruu sin wayyuu?” jedheeni.
“Dhugaadha” jettee fudhattee: samuun ishees kan du’eef sagal gadduu irra kan jiruuf takka yaaduu wayya jedheeni. Jiraan abdii dha namaa qoodu qaba, jiraan miira namaa hiru qaba, jiraan gammachuu namaa hiru qaba. Hundumaa caalaa jiraachuun mataa isaan abdii dha. Abdiin hundee jireenyaati. Kanaaf tole jette waan ajajamte mara fudhattee gara magaalaa deemte.
Magaala erga geessee booda waan hunda ibsitee, qulqulleessitee haadha nama bosonatti argiteetti himte. Haati isaa amanuu hin dandeenye. Ni ta’a jettees hin yaanne. Maraatuu, dhugaan maraatuu..jiraa ajjeesuu, du’aa jiraachisuu, maraatuu..Dubartittiin amantee waan dhufteef haadha namtichaa amansiisii yaalte. Haatis, garaa duuba yaa ta’u, ykn shakkin yaa ta’uykn immo mirkanaan gara bayeetti yaaa bahu jettee tole jette. Gagala sana deemanii reeficha bosonaa fidanii manatti galchan. Galgaluma sana saanduqa reeffaa bitanii homtu otoo hin argin reefficha keessa kaahan. Bariisaa Bornam Taasisaa ilmi haadha Margee du’ee jira jedhamee afooshatti himame: afooshaan miseensatti himame. Gadda guddaatu ta’e. Boohanii boochisanii iyyanii, mankaraaranii, hirqinfatanii boohanii maraatani. Firri dhihoo, kan fagoo, hiriyyaan isa jaalatus kan isa jibbus hundi gaafa san achitti wal arganii hirmii baafatu. Namni keenya gaafa jiruu hin gargaaru malee gaafa booyaa eenyutu isa dursa. Kan jiru dhoorkee bosonatti gulches gaafa san akkuma firaayyuu maraarfatee booya. Kan qabaanuu dadhabde; ‘wajjiniin na awwalaa’ jedhu meeqatu jira. Raajii!!! Bornam ilma obbo Taasisaa Qananii gurraacha dheera warra Gullalleeto. Bornam, jalqaba bara Dargii, ‘miseensa dhaaba siyaasaa dargiin mormuuti’ jedhamee himatame ture. Dhimmi isaa yookiin himannaan sun mana murtii hin geenye. Nama akka Bornam, nama ‘dhiphoof’ manni murtii maal godha! Otoo ta’eeyyuu manni murtii kaadire Dergii caalaa? Achumatti dura-taa’anii gandaa fi jaalleen isaa murtii itti kennan. Labsiin hatattamaan bakka argametti yaa ajjefamu itti bahe. Kana dhagahee badee bosona gale.
Ammaan booda namni isa barbaadu hin jiru. Amma tarkaanfin warraksoo irratti fudhatame jira. ‘Dhiphootaaf ergaan darbee jira. Halkan haadha argee, yeroo dhumaatiif dhungatte nagaatti jetteen yaadattee koolfi qabe. Reeffa namaa ilma koo jettee awwaaluun baay’ee ishii dinqe. Ilmi ishii ottoo hin du’e jettee reeffa nama hin beekne awwaaluun ishii baay’ee ishii dhibe. Ta’us ta’e, jireenyi tooftaa dha.
Dubartittiin qarshii dhirsa ishii irra jiru hundaa kafaltee deemuuf kaate. Gara Bornam jedheenitti deemanii magaala Finfinnee dha Wallaga dhihaa, Mandiitti galanii jiraachuu eegalan. Akkasiin otoo waliin jiraatanuu dubartittiin isa shakkuu eegalte. Dhuguma reeffa ta’ee itti muldhate. Jiraa wajjin jiraachuu wayya jette nama biraa wajjin jalqabde.
Aaree “”maalif akkas goota ?” jennaanin
“Reeffi kana akkamitti gaafata?” jetteen
Rifatee of ilaalee “ani reeffaa?”
“Ihii, maalii dharee! Ati bari duutee jirta, ati bar awwaalamtee jirta. Maqaa abbaa manaa koo, maqaa Laggasaan jirta” jetteen. Kana caalaa dubbachuu hin dandeenye. Guyyaa tokko, halkan hammachuu yaale. Karka isaa ofi irraa kaaftee.
“Ati bar reeeffaa, reeffi akkamittti waan akkasii hojjata jetteen.”
Waan tokko hin dubbanne; deemee siree biraarra rafe.
Bariisaa san bulte gallaan;
“Xinnuma ishiillee yaadi, ana dhiisii ijoolleen kun maal sin jedhu yoo bultee galtu?”
“Reeffi waan akkasii gaafachuuf mirga hin qabu,” jetteen.
Yommu ishiin golatti dabartu mucaan isaa
“Aabbaa ati kunoo jirta mitii, maaliif aayyoon reeffa siin jettii?” jedheen.
Hin deebsineef, yookiin dhungoo dhan deebsee. Dhungatee fiigaa bahe. Bahee fiige, fiigaa bahe.
“Jiraachaa du’uurra du’aa jiraachuu” wayya jechaa fiigaa bayee bade.
Kaarlaan Dandeettii Sammuu Saarkoozii Jejuun Maalalsiifatte
Haati warra prezidaantii Faransaay Nikolas Saarkooziitiin kan taate Kaarlaa Bruniin jaalalan kan qabamte bareedina qaamasaa qofaan otoo hin taane bareeda addaa sammuusaatiinis booji’amtee akka ta’e ibsite. Kitaaba mata duure “Karla and Nikolas, the real story,” yookin seena dhugaa Kaarlaafi Nikolas jedhu keessatti akka ibsitetti, “wanti hundumtuu akka qaama isaattii bilchina sammuusaa argee otoo hin booji’amne hin hafu. Anis otoo quba hin qabnen jaalala isaan qabamee, qalbiin koo rarraateen of arge,” jettetti.
Kitaabni waa’ee seenaa jaalalaa isaaniirratti xiyyeeffatu kunis, jarreen lamaan haala akkamiin akka wal baranii oduun isaanirratti odeeffamaa ture dandamachuun akkamitti walfuuchuu danda’an irratti waan baay’ee qabattee jira.
Yeroo jalqaba wal argan haala akkamii keessa akka turan Kaarlaan yenna ibsitu, “Gaaf tokko galgala namoonni nu beekan anaaf isa beellamanii affeerraa nu waaman. Isaan hunduu dhiiraafi durban cimdiin jiru. Namni kophaa dhufe yoo jiraate anaaf isa qofadha. Nutis guyyaa sanaa kaasee qophaa taanee hin beeknu,” jettetti.
Abbaan warra ishe Saarkooziin akka hojiin itti baay’atu kan dubbattu Kaarlaan, dandeetti Sammuu abba manashees oto hin ajaa’ibsiifatin hin hafne, “Inni sammuu bilchaataa 5 yookin 6 qaba. Yeroo tokkotti kitaaba dubbisaa haasaa namootaaa hordofuu ni dana’a,” jechuun dandeettiisaa raga baati.
Abbaan warra ishee Nikolas Saarkooziin itti gaafatamumma guddaa isarra jiruurraa kan ka’e hojiin wan itti baay’atuuf akka inni hin miidhamne otoon irraa hin fagaanne akka jajjaabeessitu dubbatti.
Kaarlaan otoo Saarkooziitti hin heerumin dura moodeelii fi sirbitu beekamtu kan turte yemmuu taatu, amma immo hadha warra prezidaantii Faransaay ta’uun ammas albamii haaraa baasuuf shaakaluu cinaattii, abbaa warra isheef deeggarsa cimaa taasisaa jirti.