Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / LOCAL NEWS
Walitti bu’iinsa ummata Oromoofii Gumuuzii gidduu mootummaan federaalaa harka keessaa qabaachuu shakkina jedhame

Ethiopia: Walitti bu’iinsa ummata Oromoofii Gumuuzii gidduu mootummaan federaalaa harka keessaa qabaachuu shakkina jedhame

Walitti bu’insa umata Oromoo fi uumata Gumuzii giddutti godina Wallagaa bahatti ka’ee tureef mootummaan federaala Itoophiyaa harka kessaa qabaachuu isaa ni shakkina jechuun miseensii parlamaafii durata’an paartii kongirasi Umata Oromoo Dr Mararaa Gudinaa beeksisaniiru.

Akka Dr Mararaan dubbattanitti, walitti bu’insa gosoota lamaan gidduutti ke’eef mootumaan harkaa kessaa qabachuun isaa kan bekameef meshaleen waranaa gurguddoon naannoo masaraa biyyoolessa qofatti argamuu danda’an iddoo walittii bu’insaa kanattii argamuu isaanitti fii hidhattooni mootummaa heduun nannichatti boba’anii argamuu isaatiinin.

Kana malees dhimmi kun hatattamaan akka qulqula’uu koreen qulquleesituu hundaa’ee nannichaatti akka ergamuuf gaafii Parlamaa iraa dhiyaatte motummaan osoo hin debisin hafuu isaa Dr Mararaan dubbataniiru.

Haalli kun bayee gaddisiisafii nasiisaa ta’uu isaa kan dubbatan Dr Mararan ammas tanaan walitti bu’insaa kanaan lubuu namootaaf qabeenyaarra badii ge’eef sababiin ka’umsaa maal akka ta’ee hinbeekamnee jedhaniiru. Gama biraattinis motummaan lakkoofsa namoota balaa kanaan du’anii bayee xiqqeessee ibsuun isaa harkaa kessa qabachuu isaa shakissaa jechuun Dr Mararaan dubbataniiru.

Post A Comment
Comments 0 comments for this article