Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / LOCAL NEWS
Walitti Bu’iinsa Uummata Gumuuzii fi Oromoo Giddutti Ka’eef Mootummaan Xiyyefannoo hinkennineef Jedhame

Waraana uummata Oromoo goodina Wallaagga bahaa fi uummata Guumuz gidduutti taasisameen uummaanni Oromoo lakkofsi isaanii 250 ol tahan du’aniiru jedhameera.
Obbo Bulcha Dammaksaa, dura taa’aan WFDO gaaffii fi deebii Jimmaa Yeroo waliin taasisanii akka dubbataniitti ka’umsa waraana kanaa maal akka tahe sirritti addaan baasamee yoo hinbeekamnelle raagaan namoota irra argame garuu nammota meesha waraanaa hammayya fi hidhatanii uffannaa yuuniifoormii uffatanittu dura dhukaasa jalqabe iedhama jedhaniiru.

Waraana kanarra kan ka’ee Oromoonni du’a 250 ol yoo tahan qe’een isaanii irratti gubatee looni isaanii kan saamamanis heddu akka tahan dubbataniiru.
Haatahu malee, mootummaan gaaga’umsa uummata Oromoo qaqqabe kanaa fi walumagala waa’ee waraana kanaa waan jedhees yookiin immoo dhaabufis waan raawwate hin qabu jedhaniiru.

Kun otoo kanaan jiruu,mootummaan gabaasa baaseen namoonni waraana kana keessaa harka qaban to’annoo jala akka oolchee fi nama murtiitti akka dhiyeessu ibseera.
(Gaaffii fi deebi Obbo Bulcha waliin taasifne fuul 3 irratti argattu.)

RELATED NEWS

- OFDM Press Release: The Massacre of May 2008

Post A Comment
Comments 1 comments for this article
Added: March 07, 2009. 07:57 AM GMT
rabbi nagaa haabuusu
maalo ummata oromoo ajjechaan kana hunduu keenya karaa nageegnaan balaaleffachuu qabna.
ummatni oromoo tokkoofi tokkoo dha.

Rabbi nuhaa baraaru.
hanish