Namni yookiin qaamni seera kanaan ala baheef adabbii guddaan qarshii kuma dhibba lama. Labsii keeyyata 51 qabu kun bara 1995 irraa kaasee walfalmisiisaa kan ture yoo tahu labsii pireesii bara 1985 raggaasifame yookiin tumamee guutummaa guutuutti hojiin ala taasiiseera. “Guyyaan labsii kun itti ragaasifame seenaa sabquunnaamtii Itoophiyaa keessaattii guyyaa dukkanaati,” jechuun obbo Bulchaa Dammaqsaa dura taa’aan Warraaqsa Federaalistii Dimookraatawaaa Oromoo labsii kana mormaniiru. Bakka bu’oota uummataatiin Waxabajjii 24 labsiin raggaasfame kun labsii pireesii fi odeefannoo bakka tokko qabateera. Obbo Bulchaan ittifufuun “Guyyaan kun guyyaa beektoonni fi geezexesitoonni Itoophiyaa itti qaana’an fi boquun isaanii itti cabe,” jedhaniru.
Labsii pireesii kana yeroo adda adda mormaa kana turan, Dr Nagaasoo Gidaadaa, “Herri mootummaa dhimma nageenyaa mirgaa namummaa, hukkuraa dhiitt’aa mirga namummaatiin ala preesiicharratti hugura hin keenye,“ jedhu. Hugura yookiin dhorkinsa kanann alaaf heera mootummaa jijjiruu qabu ture jechuun Dr. Nagaasoon mormii isaanii ibsasaniiru.
Labsii sabquunnamtii fi mirgii odeefannoo kun muuxannoo biyyota Awunrooppaa irraa fudhatame kan jedhaan qaamni mootummmaa. “Labsii kun bara 1995 irraa kaasee qaamolee pireesii fi ogeessoota biyyaa ambaa garaa garaa waliin maarii taasifame kan jedhaan Obbo Asmalash Waldeesilaasee dura taa’aa dhimmaa dhaabbata fi seera paarlamaatti.
Haata’u malee “Beektoonni addunyaa irraatti hirmaachuu isaanii fi muxannoon biyyoota Awurooppa irra fudhatamuu isaa qofaan labsii kun gahaa dha jeedhamu hindanda’amu” jdhu Obbo Abduu Aljiraa marii pireesii Horn of Afrikaa qopheesse irratti argamuun. “Seerri kun Tulluu Siwiisis Aplis irraa dhufuun nutti himameera. Bara 1930-moota keessa Siwizerlaandi seera itti fayyadamaa ture, qopheessitootaa, kan maxxaasuu, kan maxxaansisuu fi warra gurgurran walitti qabee itti gaafatamtoota taasisa. Dargiin kana foyyeessuun namoonni dubbisan qofaan akka itti gaafatamaan taasise. Seerri pireesii Itoophiyaa 1985 kana hundaa hambisee ture. Labsii sabquunnamttii fi mirga oddeefannoo ammaan akka seera bara 1985 dura ture sanatti deebiseera,” jedhu obbo Abduun .
Maarii pireesii Horn of Afrikaan qopheesse irratti kaan argaman namni biraa Obbo Mahaarii Taaddesaa turan. Obbo Maharriin labsii sabquunnamttii fi mirga odeefannoo kun seera gamtaa Awurooppaa waliin akka walfaalleessu dubbattuu. “Abban seera maqaa ballessi namoota hundaaf falma biyyoota lixaatti, abbaan seeraa qaama mootummaa caalaa namoota dhuunfaaf dhaabaata. Labsiin kun garuu abbaan seeraa Itoophiyaa keessaa mootummaaf waan dhaabatuuf namoonni dhuunfa ofii akka falmataan waan taasiseef seera gamtaa Awurooppaa waliin wal-faalleessa.”
Labsii abbaa seeraaf aangoo akka malee keenneraa jedhamu kun “Akkaata haala san abbaan seeraa federalaa yookin naannoo miidhaa guddaan dhiyoo fi gahaa gurgurtaa gaazexaa yookiin kitaabaa boode nageenya biyyoolessaa sodaachisaa ta’u isaa sababii gahaa. yoo argate akka hin tamsaanne ajajuu ni danda’a,” jedha.
Abbootiin seeraa fi ogeessoonni pireesii seerichi guutuu miti jechuun falmu. Sababii waldaa abbootti seera tamsaasa kan dhorkuu addan bahamanii hin bekkamnee waan taeef jedhu. “Abbaan seeraa aangoo keenyata kanaan kennameef ala yoo hojjette seeraan itti gaafatama” jedhamee yoo barreefamellee abbaan seeraa maal maal yoo raawatee akka itti gaafatamu ifa miti.”
Waantoota labsii kana keesseetti hammatamaan keessaa kan baay’ee falmisisaa ture hangaa fi gosa adabbii seerichaatti. “Beenyan moraalii kamiyyauu qarshii 500 yoo taahu kan pireesii garuu gara kuma dhibba tokkoo ol guddatee,” jedhu Obbo Abduun. Itti fufuuniis, “Beenyaan mooralii Ijoolle dhoksuu, qaama miidhuu, gudeeduu qarshii 100 yoo taa’uu kan pireesii garuu gara kuma dhibba tokkitti ol guddachuun isaa nama gaddisiiseera” jedhu.
Guddinni pireesii Itoophiyaa biyyoota olla wajiin yoo walbira qabamu kan boodatti hafe waan taheef labsii kunimmo ittuu ni dadhabsiisaa jedhaniiru. .
Labsii sabquunnamtii fi mirga odeefannoo haaraa kana adabbiin qarshii inni xinnaan qarshii kuma shan. Inni guddaan ammo kuma dhibba lama taha . Itti dabaluun namoonni bu’aa maxxansa kanaa tamsaasan kan akka hin tamsaasame dhokamaan yoo tamsaan itti gaafatamu. Keenyanni kun mirga namummaa kan dhiibe jechuun beektoonni mormaa jiru. Akka seerichatti gaazexxesoota, tamsaastotta, maxxaansoota fi warri gurguuran akka itti gaafataanan barameera.