Naannoo Oromiyaatti jirraattonni godina Wallaga Bahaa, mootummaan federaalaa ummata saba Gumuuz hidhachiisee nuti gadhiise jechuudhaan himanna dhiheessuu isaanii gaazexaan Sudan Tiribuun gabaase. Kanamalees “mootummaan naannoo Benishaangul Gumuuz Gumuzoota hidhachisee itti bobbaasuun gahee qabaachuu akka hinoole shakkaniiru.”
Godina Wallaga Bahatti saba Oromoo fi kan Gumuz ollaa walii jiraachaa turan gidduutti lola dhalateen namoonni dhibbaan lakkawaman du’anii, kumo hedduun kan ta’an ammo qe’eedhaa buqqaniiru.
Akka gabaasatti, lolli kun kan jaalqabame Gumuzooni qawwee hidhatan naannoo Oromiyaa seenuudhaan halkan gandooota baadiyyaa erga miidhanii booda.
Qondaaltonni mootummaa namoonni balaa kanaan du’an meeqa akka ta’an himuu didaniiru. Jiraattonni naannichaa akka jedhanitti lola kanaan namoonnii 130 du’anii 8000 kan ta’an ammo qe’eedhaa buqqa’aniiru. Haa ta’u malee dura ta’aan Warraaqsa Federaalistii Dimokraatwa Oromoo, Obbo Bulchaa Dammaqsaa waladhabdee sanaan namoonni 250 ol du’uu isaanii beeksisaniiru.
Gaazexaan Sudan Tiriibuun akka gabaassetti gara lamaaniyyuu namooni du’aniiru; garuu namoonni argan akka dubbatanitti “miidhaan raawwatame dursee kan itti qophaa’amee yoo ta’u Oromoonni garuu odoo hin qophaa’in saaxii bahan sababa kanaan namoonni hedduun du’anifii manni isaani daa’imman waliin kan gubate Oromoodha”
Haatu’umalee, “poolisin federaallas ta’e polisiin naannoo Oromiya miidhaa hidhannan raawatame kana yeroodhan dhabsisuuf gidduu hinseenne turre.”
Haata’u malee Pirezidaantiin bulchinsa mootummaa naannoo Benishaangul Gumuz Oboo Yaaragaal Ayishashuum akka jedhanitii guru mootummaan federaalaa koomishinii sababa lola sanaafi miidhaa gahe qoratu hundeesseera.
Kanaalees namoonni harka kessa qaban jedhamanii shakkaman mana hidhaa akka jiranis beeksisaniiru.
“Sabni Oromofi sabni Gumuz mootummoota Itoophiya dhufanii darbaniin cunqurfamuun ummattoota seenaa walfakkaatu qabaniifii nageenyaan waliin jiraachaa kan turaniidha. Motummaan ammaa bara 1983 angoo erga qabate as lafa tokkoo kan bira kennuun jeequmsi ummamo naannolee kibbaatti ummata olla walii jiraatu walitti naqaa jira,” jedha gabaasni Sudan Tiribuun. “Lafti naannoo Amaarattis lola waraana Sudaan waliin umameef sababa ta’aa kan jiruudha.”