Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / LOCAL NEWS
Itoophiyaa galii giddu-galeessa argachuuf waggaan 25 barbaachisa

Itoophiyaan sadarkaa biyyoota galii giddugaleessa qabaniitti dabalamuuf waggoota rakkisoo 25n akka ishee barbachisuu qorannoon tokko ifa taasiiseera .

Akka qorannoo kanaattii yoo guddinni dinagdee dabalaa jira taheyuu lakkoofsi namoota hiyyoomanii guddachaa waan deemeef ammayyuu sadarkaa kanarra gahuuf waan hedduun ishee hafa.

Itoophiyaan biyyoota hiyyooman keessaa ishee tokkoo yoo taatu guddina abdii qabu yeroo dhiyoo booda agaarsiistus hiyyumma hir’isuufi guddina waliigalaa galmeesuuf ammaayyuu boodatti haftuudha.


Guddinni amma mul’achaa jiru yoo akkuma jiru kanatti dabalaa deemee, Itoophiyaa waggoota 25 booda gara biyyoota galii giddu galeessa qabaniitti dabalamti jechuun qorannoon kun addeesseera.

Yoo tarsimoofi imaammanni dinagdee Itoophiyaa fooyaa’e waggoota kurnaan lamaan dhufan booda galiin lammiilee biyyitti waggaatti doolaara 1040 ta’uu danda’a jedhamee abdatama.

Qorannoon kun sadarkaa dinagdeen Itoophiyaa amman kanneen biyyoota akka Afgaanistaan, Angoolaaa ,Bihutan, Kaamboodiyaa, Moozaambikii, Sudaan, Siiriiyaa Lione fi Miyanmar waliin walfakkaata jechuun gabaaseera.

Akka gabaasa kanaatti biyyoota Afrikaa keessaa Iqu’atooriyaal Giinii fi Angoolaa yeroo dhiyoo dura gara sadarkaa galii giddu galeessaa kan cee’an yoo ta’u Suudaan, Moorishiyeesiifi Jibuutiin immoo yeroo gabaabaa keessttii akka sadarkaa kana gahan ibseera.

Akka gabaasni koonfiraansii daldalaa fi guddina dhabbata mootummoota gamtoomaniitti ‘guddinni waliigalaa dhibbeentaa 7 biyyoonni kun waggaa darbee galmeesiisan silaa jireenyaa lammilee foyyeessu qabu ture’jedha . Haatahu malee baayinni uumataa dabaluun isaa fi rakkoolee gara biraa irraa kan ka’ee namoota miliyoona 761 keessaa namoonni 581 tahan hiyyeessa.

Post A Comment
Comments 0 comments for this article