Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / INTERVIEWS
"Kara hundaanuu yoo ilaalee, jireenya isaaf, diinagdee isaa guddisuuf oromoon yoo qabsaa'ee wayyaa jechuu kooti"
Credit - JT photo/Tamiru L. Obole
Dr.Marara Gudina - Koongireesii Uummata Oromoo (K.U.O)

Jimma Yeroo—Diyeenyaa kana jeechuunns Waxabajji 8 bara 2000 KUO WFDO wajjiin
hojjachuuf waliigalteera gaheera waliigalteen kun amma maaf barbaachisee?
Dhimmoota akkamirraati wajjiin hojjachuuf walii galtan?

Mararaa—Waliigaltee kana kan gooneefii sabiiniis nu gaafachaa ture. Baraataan oromoo, barsiisonni oromoo, nu gaafachaa turan. Maalif walitti dhufftanii waliigaltaanii hin hojjannee? Yeroo filannoon gahuu qofa lama sadi taatanii maaf nutti dhuftu jedhanii nugaafachaa turan. Miseensonni keenyaas nugaafachaa turan, gaaffii sabaa kanaas nutti himaa turan, nuttiis ammo, qoba deemuu kenyaan, bu’aa irraa argannus, bu,aa irraa dhabnus waanjirus ilaallee, garagar baafannee, gara fulduraatiis ammo, nuqoofaas osoo hin taanee warruma kannii wajjiin bali’ifnee, yoo hojjannee malee, yoo, saba walitti qabnee ijaarree malee qeyeetti wal morkuu qofti akka laga nuhinceesiisnee beeknee, walitti dhufnee jechuudha. Kanaaf egaa 1 ffaa, gaaffii sabaafi gaaffii miseensota keenyaatiin. Lammaaffa ammo, nuus adeemsa keenya hanga ammaa hubanee wajjiin ta’uun murteessa akka ta’e waan itti amaneefi. Wanti irratti hojjanna jennee waliigalee, walqabannee saba keenyatti dhiyaannaa, walqabannee saba keenyaa guddiifinaa, walqabanee marii saba keenyaa kan barataa Oromoos haa ta’uu kan barsisotaa, wajjiin teenyaa . Gargaarsa saba keenyaas ammo, wajjiin taaneettuu gaafannaa, paaralaamaa keessattis, gaaffi saba keenyaas gaaffii biyyaa kanaas walqabanee, gaafannaa, waan saba keenyaa ilaaluu irrati wajjiin sagalee kenninaa kan jedhu keessa jira. Kana malees, dhiibaa saba keenyaarra gahaa jiruus walqabanee, hanga humni keenyaa facifachuutuu nuu barabaachisa jenneetu walitti dhufne. Biyyaa alaas ammo wajjiin deemnee, uummata Oromoo ala jiraan akka nu gargaarannif, wajjiin gaafannaa, kana malee, ammo isaaniis qabsoo saba keenyaa nu duukaa ta’anii, akka fiixaan baasaan qaafachuuf akka nutti toluufi wajjin hajjanna jennee waliigalle.

Yeroo—Nammoonni tokko tokko, gargar ba’uu Koongraasii Oromoo Biyyooleessaa fi carraa walfakkaataa WFDOs ilaaluudhaan wayita paartileen gargaar bahaa jiraa kanatti waliin galteen kunn hojjiirra ooluun isaa shakkisiisaadha jedhu ? kanarratti yaada maal qabdu?

Mararaa—Eegaa, rakkoo, gama paartilee lamaaniinuu muudate yoo iaalee paartileen lamaanuu hiraamanii turan. Koongiraasii Oromoo Biyoolessaa, yoo fudhannee mootummaan nu keessaa ijoollee qarshiin bitee maqaa keenyaa fuudhee keeneefii bobbaasuudhaan kandhufeedha malee, Koongiiraasin Uummata Oromoo bakka lamaa saditi hiramee miti inna isaan nurraa fotoqaan. Miseensonni keenya gara kuma dhibbaa olitti. Kana kessa, namni dhibbii isiinii wajjin bahee jiraa jette yoo gaafatee namni dhibbi nu wajjiin jira jedhanii sitti himu hin danda’an. Hanga nuti beeknuutti ijoolee xiqqoo qubaan lakkaa’aman gara sanatti demaniiru beekamadhaa. Kan WFDOs kanarraa waan adda ta’ee nutti hinfakkatu. Ijaa kanaatiif iddo lamaa saditti hiramuu osoo hin taanee, mootumaatu dhiibbaa nuirratti taasiisuu dhaan nu irraatti ijaaruu yaalee; maqaa keenyaa fuudhee kara deemtuudhaaf kenne.
Nukeessaa, garaa hoggantootaas haata’u karaa hojii raawwachiiftoota namni garaas dhaqee hinjiru. Kara koree giddu galeessaa keessayiis, nama tokkoo lama yoo ta’e malee—isaaniis kan lakkawwataan nama tokkoo. Ijaa kanaa, kun rakkoo gama paaitileetiin uumamee osoo hin taanee, dhiibaa mootummaan nu irraan gaheedha.
Kanaas ta’e sana, paartileen lamaa sadi walitti dhufanii hojjachuun humna walii dabaluu ta’a, malee, humna dhadhabsiisuu miti.

Yeroo—Kanuma wajiin walqabatee, paartileen akkagamtaa,WFDO, Aranaa Tigraay fi Dr Nagaasoo ta’uun tokkummaa paartilee mormitootaa hundeesitaniirtu. Yeroo kannatti tokkummaa kana hundeessuun maaf barbaachise ?

Mararaa—Akkumaan silaa kaaseedha. Filannoo wagaa sadiin dura biyya kanatti ta’een walqabatee, sabni biyaa kanaas paartileen mormitoota waajjiin maaf hin hojjanne, walqabatanii mootummaa kana maaf nurraa hin buufnee biyya kanas gara fundurratti maaf hin deemsifnee? jechuun sabni iddo jiruutti gaafataa ture. Addaan hiramanii maaf nu dhadhabisiisuu, ofiis dhadhabasiisu jedhee gaafataa ture. Siyaasa biyya kanaas ammoo bu’aa akka buusuuttii, mootumaarrattis dhiibbaa uummuudhaan akka rakkoo biyaa kanaa morrmiitoota wajjiin ta’ee hiikuu yaaluuf, wajjiin hojjaachuun barbaachisaadha. Egaan karaa tokko gaaffii saba kanaa deebisuuf , karaa birammoo, numtu yeroo rakkoo biyyaa kanaa ilaaluu walitti dhufnee, saba biyya kanaa bal’iifnee qabannee, yoo sochoonee, yoo qabsoofnee malee, mootummaan kun akka yaaluutti karaa naga saaqaa hinjiru. Filannoo dhugaa adeemsiissaa hin jiruu. Sirna diimookraasii dhugaa ijaarraa hinjiru. Kana kana hojjachiisuuf egaa walitti dhufnee hojjachuun barbachisa ta’u isaa hubachuudhaani .

Yeroo—Paartileen kun eenyumma isaanii sabummaa iraatti buurreefa chuun kan hundeefaman ta’uu isaaniitiin fedhiiwwanii fii gaaffilee biyyaa deebisuuf yookaan keesumeesiisuuf rakkon isaan hinqunnamuu ?
Mararaa—Kana ilaalchisee egaa al tokko tokko ADWUI tu, gaafachiisaa jira kan jedhaniis nijiru. Amma, nuuti maaliinii, biyya kana keessatti partileeniis ta’ee karaa ta’een ijaaramuun nidanda’ama. Mormituun tokko ammo hanga mormituu dhugaa ta’eetti, rakkoo biyaa kana walqabanee akkamitti hiiknaa? Akkamiitti walitti dhufnaa? maal hojjanneetti maal araganna? isa jedhudha. Kun paartileen hunduu sanyii irrati hundaa’ee kan ijaaramees ta’eee gaaffii tokko tokkoo irrati hundaa’ee kan ijaaramaniis wajjiin hojjachuun akka danda’amu, mirkaneefataniiru. Warri akkasii walittidhufanii giddugaleessi isaa sirna diimookraasii dhugaan ijaaruu; sirna federaalizmii biyaa kanatii dhugaan ijaaru abba fedhee haata’u. Sabni biyya kanaa walkabajee, mirgii isaa eegamee, diinagdeen isa guddatee wajjiin jiraachuu akka danda’utti walittidhufuun nidanda’ama. Egaa kana gubaatti waan hundaa keenya walitti fidu sagantalee xixiqqaa (minimum programme) irratti waliigallee. Waliigaltee keenya ammoo saba keenyatti hiimne. Isa irratti waliigalee qabanee hojjiirra oolchuu, isa irrati waliihingallee ammoo yeroo biraatti dabarsuudha. Isirrati wantin jechuu barbaaduu, biyya kana keessatti warri sanyiin ijaaramees, ta’ee warrii gaaffilee tokko tokkoo irratti hundaa’uun ijaaramaaniis akka ta’utti tokkumaa isaanii eeganii hojjachaa hinturre. Kana waan ta’eef rakkoon walhiruu iddo lachuu jira jechuudha nuti amma garuu qabxilee gurguddoo gama hundaanuu, ka’an—nagaa, diimookraasii k.k.f irrati wajjiin hojjanna jenneetu waliigallee .

Yeroo—Filannoon bara 1997 haala uumee irratti hundaa’uudhaan, uummanni deebbiin paartilee siyyaasaaf kennu baay’ee xiqqaadha. Haala kanaan akkamitti fedhii fi hawwii uummattatti uumuun danda’ama jetuu?

Mararaa—Karaa keenya egaa, tokkoo, walitti dhufuu, eggaa uummata kana yeroo tokko tokko kan abdii kutachiise, dadhabsiisee maal goona kana booda sanuma akka jedhu kan taasise mormitoonni waliti dhufanii saba kanaaf abdii kennuu dadhaban. Amma nutti hojjechaa kan jirru tokko uummata keenyaaf abdii kennuu dha. Walitti dhufneerra; walqabannee. Kaaneerraa kan hojjennumoo kana kanaadha nuduukaa bu’aa jennee saba keenyatti ibsuudhaan.Sabni ammoo waan nuti hojjennu ilaalaa nuduukaa bu’a jennee yaadna .

Yeroo—Yeroo tokko waa’ee gatiin mi’aa ilaalchiisee paarlamaa keessati yaada yommuu kennitan “uummanni waan nyaatu dhabe hoggontoota isaa nyaata” jettanii turtan haali kun Itoophiyaa keessatii waan uumamu isiniiti fakkaataa ?

Mararaa—Eeyyee akkasitti yaaduun danda’a. Muxxannowwan biyyi kun keessa dabarteerra kaane yemmu ilaaluus, duubbii lafaa, beelaa walloo kana waan tokko godhaa yemmu jennu nuu dhagahaa hin turre . Booda garuu rakkoon dhufee liqimse. Sirna Dargiis yoo fundhanne rakko sabaa hiikuu daadhabuu isaatiin sabni waan hawwuu hojjachuu dhiisuu isaatiin, rakkoon isa muddatee beekamaadha. Mootumma kanaas kan itti himaa jirru, rakkoon kun bal’ataa deema sabni kun waan nyaatu dhabaa deemaa. Ofii kenyaa nyaanne bulla, bashananneen bulla jetanii saba agabuu hin bulchiinaa, budeena saba kanarratti hin qoosina jedheen turre. Rakkoon kun ammoo bal’ata deema iddo itti dhabatu hin beekuu malee yeroon kana dubbadhu gaatiin xaafii dhibba jahaa hin dabarre. Amma garuu kuma darbeera. Namni amma beela’aa jira osoo deemuu goodaatti kufaa jira jedhama iddo baay’eetti. Manneen barnootaa keessati ijoolleen belaan kufaa jiru jedhanii nutti bilbilu. Kanaaf dhufuun isaa hinooluu. Isa yaadachiisuufaan kana dubadhe .

Yeroo—Dhiyeenya kana aanaalee olloota wallaga bahaa jirantii waliti bu’iinsa jiraattota Oromoo fi gosa Gumuz gidduutti ka’een, badiin lubbuu namaa qabeenyaa gahuun isa ni yaadatama. Amma sadarkaa maaliirra jira? Gama keessaniin dhimma kanarrati maal hojjettan ?

Mararaa—Karaa keenya, ibsas baasneera. Paarlaamaa gubbaarrattis kaasneera. Sabqunnamtii alaa VOA fa’iinis ibsa kennineera. Dipilomatoota alaattis himneera. Waan gochuun nurra jiru yaaleera. Kanarras darbinee mootummaatu didee harkifata malee koreen dhimma kana hubatee qulqulleessu paarlamaan hundaa’ee akka waa tokko godhu gaafaneerra. Dhimmi kun waan gadheedha kan hojjetame. Mootummaan kun ammoo yookaan dhadhabee dhiisee, yookaan ammo harka keessa qabata’a. Garuu nuti shakki guddaa qabna. Koreen sun hanga ammaati hin dhabanne. Haala amma irra jiru maal fakkaata kan jedhuuf fooyya’eera nuun jedhaa jiru miseensonni keenya naannichatti argaman. Haa ta’uyyu malee rakkoon kun hin hiikamne ammas .

Yeroo—Ka’umsa jequmsa kanaffi kan jettan malii ?

Marara—Gama keenyaa mootumaatu harka keessaa qaba shakkii jedhu qabna. Sababiin isaa hidhattoonni naannoo sanatti argaman, meeshaan namoon itti ajjeefaman sun ammo mana mootumaatii akka bahe shakki qabna. Kanaafii koreen qulquleessituu akka hundaa’uu kan gaafannee .

Yeroo—Waa’ee Oromiyaa ilaalchisee yeroo tokko yemmu dubbatan “jirmi hinfotoqu” jettanii turttan. Mee yaada kanaa ifa godha?

Mararaa—Sabni Oromoo akka sabaatii karaa bal’ina dacheesa haataa’uu karaa lakkofasa uumaataas haata’u, karaadhuma ammo Orommon biyya kana keessa jiraatuunuu eenyumaa waan caaluuf, Oromoon ani abba biyya kanaa, abbaa dachii kanaa, abba qayee bal’aa kanaatti jedhee biyaa kana sirna diimookraasitti dhiibuu saba biyya kana hunda walqixxummaan bulchuu, sirna feederaalizimii dhugaadhaan hojiirra oolchuu wayyaa fi kobaataan bahaa jedhee ofiis rakkisee, saba biyaa kana hundaas rakkisuu irra hin jiru. Kobaatti bahuun fayyidaa Oromootiif baayeessa miti. Kara hundaanuu yoo ilaalee, jireenya isaaf diinagdee isaa guddisuuf Oromoom yoo qabasaa’ee wayyaa jechuu kooti.

Yeroo—Kun ni danda’ama jettanii niyaadu?

Marara—Duris yaadaan turee ammas yaadaan jira .

Post A Comment
Comments 5 comments for this article
Added: December 12, 2009. 07:39 AM GMT
we expect much from you
better you struggle than this as i know you more potential than you still acting!
horaa
Added: December 31, 2008. 07:27 AM GMT
yaada
Hamma mootummaa Tigree kessa teessani bua`a ummatta Oromoo fiddan yoo nuuf ibsitan Dr.Marara Gudina
Anonymous
Added: December 08, 2008. 04:45 AM GMT
thumbs up to mr gudina for fighting it our in oromia unlike the OLF "liberators" wearing skirts and running around in bushes for 35 years
DR
Added: August 07, 2008. 03:13 PM GMT
marara is sleeping in lions den. must have courage do that.
Anonymous
Added: August 05, 2008. 02:40 AM GMT
Tokkumma
Sillumma dhaboni saba offitii falmanu karra qabsson issani aada yoo ta'eelle kayoon issanni tookumma.taa'us qabaa.
umrii gabrumma kan nuut dheressu gargar qaqodammu kenya male waa biraa mitti.tokkomma!!!
Injjifanoo ummatata Oroomoff!!
Jirraa Duee Abaabiyyaa