Jimma Yeroo-Warraaqsa Fedralisti Dimokraatwaa Oromoo (WFDO) uumata isa filateef maal hojjeteera?
Bulcha: WFDO erga dhaabatee waggaa sadii ool hoo ta’u, waggaa sadii kana keessaatii maal hojjenne jennee ni gaafaana. Rakkina hedduu keessaatti maal hojjechuu dandeenye? Oromoon akka of baru jojjenneera. Oromoon akka of baru jechuun maal jechuudha? Oromoon mataa isaatti akka amanu jechuu dha.Oromoon akka lammii tokkotti biyya Itoophiyaa keessaa kan baay’inaan isa caalus hinjiru. Oromoon baay’eedha. Haa tahu malee, baay’inni kun Oromoof hanga har’atti waan fayyade tokko hinqabu. Oromoon baayyachuun isaa, lafa bal’aa qabaachuun isaa fi qabeenya uumamaa guddaa qabaachuun isaa diina baay’iseef. Kanaafun, Oromoon rakkina keessaa jira. Rakkina kana keessaa bahuuf immoo yeroo hundaa qawween hinbarbaachisuu; qawween yeroo hundaa deebii taahuu dhiisu ni mala.Yoo qawween aangoo qabatan tokkotu akkasuma qawween namarraa fudhata. Aangoo qabachuun kan danda’amu akkasuma aangoo irra turuun kan danda’amu yoo sagalee uummataan aangoo qabaatanidha. Sagalee qabda, sagalee kee warra hin beekneefi warra hin amanneef hin kenniin. Waara beektuu fi amantuuf kenni. Oromoo hoogganuu kan qabu lammii isaa tahuu qaba.
Yeroo-Filannoo barana gaggeeffame maalif gidduutti dhiistanii baatan?
Bulchaa: Nuyi filannoo gandaa, aanaafi paarlaamaa keessa kan baane filannoo duraa ilaallee ture. Erga itti lixnee baay’ee naane. Filannoo taajjabdoota malee gaggeeffame addunyaa kanarraatti hinarginne. Taajjabdoota keenya ni ari’an. Isa dura garu nama dhaabbata keenya bakka bu’ee dorgomu galmeessu didan. Aanaa naannoo Oromiyaa 67 tahan keessaa kaadhimamtoota keenya ni ari’an. Sababii garaa garaan: ati umuuriin kee hin geenye, ati immoo sochii barattoota waggaa sadii afur duraa keessaatti hirmaattetta. Haa tahu malee, kun akka seeraa Itoophiyatti sirrii miti. Nuyi garuu kanuma keessa dabarree gaafa filannoo dhiyaanne. Yeroo achi dhaqnu taajjabdoota keenya ari’an. Xalayaa akkasii hinfinne; foormii akkasiis hin qabdu jedhani sababa addaa addaan ari’an. Kana hunda hubannee filannoo isa lammattaa dhiifnuuf murteessine. Yoo keessaa ture ADWUIf harka rukutuu malee faayidaa finnuu hin qabnu jennee irratti waliigalee dhiifne.
Yeroo- Kanaan booda dhaabbanni keessaan bakka lamatti qoodame jedhan. Kunis tahuu kan danda’e otoo hundimtuu yaada irratti hin laatiin namoonni muraasni qofa kan murteessani jedhama. Isin kanarratti maal jettu?
Bulcha-Kun hunduu dhugaa miti. Filannoo keessaa bahuun kan murtaahe koree hojii raawwachiifatuun. Namni tokkollee ani kan hinfudhadhu kan jedhe hinjiru. Koree hojii faawwachiiftuu namni kudha afur hundi sagalee tokkoon akka baanuu murteessan. Eerga kanarratti waliigallee gaafa gabaasa sabquunnamtii laannu miseensi keenya tokko akka yaada kana hin fudhanne dubbate. ‘Ani hindhageenye, naan hinmari’anne’ jedhe. Inni miseensa tokko; nuyi miseensa miliyoona walakkaa qabna jennee yaanna. Kanaafuu, miseensota keenya hundaa mari’achuu hin dandeenyu. Nuyyis ati miseensa keenya keessaa nam-tokko wan taateef, siin mariisuun nu hin barbaachuu.Warrumti koree hojii raawwachiiftuun yoo mari’annee ni gaha jennee. Namni kun ilaalchaan waan nu hin fakkaneef dhaaba keenya keessaa baafneerra. Nuyi Oromoof dhaabbanna, Oromoof qabsoofna. Eenyuyyuu boodatti nu hindeebisu. WFDO tokkuma. Innis paartii kana qoofadha.
Yeroo- Uummanni Oromoo sirna federaala kanarraa faayidaa isaaf tahu argateera jettanii yaaddu?
Bulcha-Hin amannu. Oromoon sirna federaalaa kanarraa waan isaaf tahu hin arganne. Maaliif yoo jennee biyyaa sirna federaalaan bultu keessaa qomoo adda addaattu jira waan taheef lammin yookiin qomoo adda addaa kun akka lakkoofsa isaaniitti mootummaa Itoophiyaa keessatti hirmaachuu qabu ture. Garuu Oromoon baay’inaan otoo lammii Itoophiyaa keessaa tokkoffaa tahee jiruu dhimmoota gurguddaa biyyitti keeesaatti hinhirmaanne. Akka sirna dimookraasitti uummata guddaatu biyya sana hooggana. Oromoon ammayyuu as hingeenye. Lafa investeriif mootumaa federaalaatu kennaa. Warri lafti irraa fudhatamee ammoo bakka lafa saanii waan argatan hin qaban. Kana duwwaa miti. Mootummaa federaalaa keessa Oromoon jiran baay’ee lakkoofsaan xiqqoodha. Mootummaan bakka Oromootaaf hin laanne. Biyya biraatti ummanni akka lakkoofsa isaatti mootummaa federaalaa keessatti hirmaata. Walumaagalatti mirgi Oromoo hin kabajamne jechuudha.
Yeroo-Yeroo ammaa uummanni Oromoo miiliyoona afuri ol tahuu rakko beelaaf saaxilameera. Kanaratti isin maal jettu?
Bulcha-Kuni gaaffii guddaadha. Namoonni baay’een gara kibbaatti beela’aniiru. Keessumaa uummanni Booranaa, Gujii, Ogaadeen, beela’aniiru. Warri hojii kaan hojjetan jechun dhaabbani biyya alaa akka jedhaanitti uummanni beel’e gara miliyoona shanitti hiiqa. Kana mootummaan Itoophiya dubbachuu hinbarbaadu.Warra dubbachuu barbaadullee ni doorsisa-akka hindubbanneef. Yoo akkas tahee waan mootummaan Haayilasillaasee fi Darguu godhan irraa maal adda taha? Kun sirrii miti. Namoonni beela’an akka gargaarsa argatani dubbachuun barbachisadha. Garuu mootummaan kun ofii nan gargaara yaada jedhuun dhimma kana dhokseera. Beelli kun biyyoota hundaa qaqqabuun ni danda’a waan tahef waan dhokfamu hinqabu. Namoonni hamma kanaa beela’ani du’aniiru jedhanii himuun furmaata natti fakkaata. Nuyi garuu karaa arganneen waa’ee beela kanaa dubbachaa jirra. Gaafachuu hin dandeenye; kun hojii mootummaati.
Yeroo-Dhalattoota Oromoo godina Wallagga bahaa fi dhalattota Guumuz gidduutti waldhabdee umamee tureen, namoonni hedduun akka du’an beekameera. Ka’umsi rakkoo kanaa maalii? Namoonni rakko kanaan miidhaman hangam? Waa’ee dhimma kana manni mare maal mari’ate?
Bulcha-Hundee ka’umsa kana sirritti hinbeeknu. Garuu akka warra jiraattoota gumuuz, dhidheessaa fi haagee qofaan ka’umsa rakkoo kanaa akka hin taane ni beekna. Jarri kun waggaa hedduuf waan waliin jiraataniif tasumaa wal hinwaraanan. Akka namoota ijaan arganitti yoo tahee namoonni waraanaa yookin jeequmsa kana kaasan namoota meesha waraanaa hammayya hidhatanii uffannaa yuunifoormii loltuu uffatanittu kaasee. Kan uummata Oromoo fixan jarreen kana. Garuu maaliif akka uummanni nutti himatutti fi akka dhageenyetti yoo tahee mootummaan kana kan raawwate yookiin kana kan furuu didee, ABOn rakkoo uummata Oromoo ilaalee, akka harka kennuuf jedhama. Kanaaf mootummaan nu fixaa jiraa jedhuu uummaani Oromoo. ABOn harka ha kennuu haa dhiisu murtee uummataa miti. ABOn asi hinjiru. Maqaa ABOn mootummaan uummatta adabaa jira. Kuni sirrii miti. Naannoo jeequmsi kuni itti ka’e akka ABOn jiru ani waan beeku tokko hinqabu. Akka nama miseensa paarlaamaa tokko, ani kana nan morma. Mootummaan uummata eega malee, uummata walitti naqee wal-waraansisuun balleessaa guddaadha. Mootummaan uummata warra kaan qawwee irraa fuudhee warra kaan immoo qawwee irraa hin fuune. Kanaaf, warra Gumuuzis hin hiikachiifne. Jarreen kun erga dubbiin kaafamee booda uummata Oromoo 250 tahu fixan. Gara nama kudhanii kan tahan mannii jalaa gubatee lafa lixaa dhabiin bakkee keessaa ciisa. Ammayyuu taanaan mootummaan Itoophiyaa waan irraa barbaachisu raawwachaa hinjiru. Gaaffii mootummaan Itoophiyaa deebisuu qabu, uummanni Gumuuz kan Oromoo walii waggaa hedduu jiraatan har’a maalif Oromoo fixan? Oromoon ofii deebii isaa argateera.
Yeroo-Isin yeroo hedduu Itoophiyaa keessa guddinni hinjiiru jettanii falmitu, maliif?
Bulcha-Biyyi tokko guddattetti kan jedhamu,yoo jireenyi namaa foyya’edha. Jireenyi foyya’uu yoon jedhuu jireenya namoota naannoo tokkoo jechuu koo miti. Jireenya uummata biyyitti hundaa jechuu kooti malee. Biyya biratti biyyi dhibbantaa 7 yookiin 8 yookiin 9n guddateera jechuun waan guddaa dha. Yoo kana tahee jireenyi lammilee fooyya’ee ni argita. Haatahu malee biyya keenya kun hin jiru. Naanno ani itti filatametti namni ganna ganna beelaan du’a. Yeroo ammaa kanammoo namoonni beelaan du’aa jiru. Keessaa naannoo Kibba Oromiyaatti horriinillee dhumaa jira. Kana jechuun qonnaan baraana ni badee jechuudha. Roobni arfaasa gahaa miti. Kunis ka’umsa tahuu ni danda’a. Garuu, mootummaan Itoophiyaa guddanneerra, jedhee lallaba. Humni, ammanaa guddanneerra jecha garuu lafarratti dhugaa agarru kaan hin mirkaneessu. Ani kutaa kamitu Itoophiyaa keessaatti guddate gaaffii jedhun qaba. Haalahuutii, muummichi ministiira biyya Jaappan deemanii Itoophiyaan dhibbantaa 11n guddatteti jedhan. Kun ana baay’ee na dinqisiiseera. Akkamitti biyyi miidhaan kadhachaa jiru, akkamitti biyyaa uummanni ishee tajaajila fayyaa gahaa hinargannee, waldhaansa fayyaa (hakiimii) tokkoo biyyaa Itoophiyaatti nama kuma afurtama waldhaanaa, dhukkubsattoota kuma soddomaaf siree tokkottu jira. Manni barumsaallee akkasuma. Muka dhaabanii dhoqqee itti maraganii barattoonni dhibba tahan kutaa tokko keessatti baratu. Kanaa guddinni? Guddina hinjedhamu. Itoophiyaan galiin waggaa kannama tokoo (per capita income) barana reefu doolaarii 150 guuta. Kan galii mataa mataa jechudha. Biyya Afrika hedduudhaa gadi nuyi. Kan Keeniya mataa mataa namaatti doolaarii 550; kan Taazaaniyaa doolaarii 450. Eegaa biyya kanaa gadi nuyi. Kanaafuu, guddachaa jirra yoo jettee namni si amanaa? Namni waan nyaatee bulu qabaa? Jireenyi isaa foyya’eera? Akkamitti, uummanni akkanatti rakkatee guddateetti yoo jettee ni amanaa? Tarii dubbachuu sodaachuu nidanda’a. Kanaafuu meerre guddinni.
Yeroo-Yeroo tokko marii dhimma mi’aayina jireenyarratti taasisame turerratti “kan nuyi jennu kun waa’ee saayinsii nuukilerii miti,” jettani turtan. Maal jechuu barbaaddaniti?
Bulcha: Kun waan guddaa miti. Saayinisii guddaas kan barbaadu miti. Saayinisii Nuukleeriis miti. Kun waan salphaadha. Biyyoota biraa keessatti uummanni yeroo beela’u, yoo midhaan biyya keessaa hinjiru tahe mootummaan midhaan biyya biraa irraa fidee gatii gadi cabeen dhiyeessa. Inni kan keenya maaliif kan hin goone? Yeroo ammaa gatii midhaanii mi’aayeera. Kanaafuu midhaan alaa galchuun gatii salphaan uummataaf akka dhiyyessaan kan barbaachisu. Yeroos namoonni yookiin daldeltoonni midhaan boodaf kaa’atan baasanii ni gurguru. Gatiin dorgomuu wayya malee humanaan daldaltoota hidhuun sirri miti. Mummichi minsteeras yaada kana fudhataniiru. Kuni anaa immoo baay’ee na gammachiisa. Uummanni midhaan oomishes gahaa oomishaa hinjiru. Lafti namni tokko qotu xinnaachaa dhufeera. Duri hektaara 3, 4, kanaa ol kan qabuus hedduns ture. Amma qotee bulaan tokko hektaara tokkollee kan guutu hin qabu. Lammaffaa immoo haalli qotisaa aadaadhaanin. Namni kanaan qotu akkamitti guutuu biyyaa soora? Qonnaan bulaan biyyoota biraa meeshaa hammayyaa tiraakteraani qota. Tiraakteerrii eessaa argatu? Waldaalee tirakterii kireessaan akka jiraatan barbaachisa. Qotee bulaan isaan iirraa kireeffatee lafa isaa qotuun biyyaa sooruu danda’a jedheen dubbadhe.
Yeroo-Yoo ammatti gatii xaa’oo addunyarratti dabaleera. Gatii xaa’oo kana sirressuufi qonnan bulaa biraan gahuuf maal tahuu qaba jettu?
Bulchaa-Gatiin xaa’oo har’a humna uummataa ol taheera. Qotee bulaan xaa’oo bituu dadhabeera. Kanaafuu, mootummaa duwwaan maaliif xaa’oo daldala? Maaliif daldaltoonii, namoonni dhuunfaa, kubbaaniyoonni dhuunfaa hin dhiyeessanii? Maaliif kana harka namoota dhuunfaatti akka biyyoota biraatti hin dhiyeessinee? Maaliif mootummaan Itoophiyaa kana hudhee qabe? Xaa’oo gurguruun akka hojii mootummaa qofaa taheetti maaliif ilaalama? Duri biyya kanatti xaa’oo daldalaa kan turan namoota dhuunfaa turan. Jarreen kun ofiis bu’aa argatuu ummataafis bu’aa laatu. Yoo gatiin xaa’oo mii’ayu mootummaan kubbaniyyoota gargaaruu qaba. Kanaan achi mootumman maaliif xaa’oo daldala? Dinagdeen keenya bilisa yoo jennee mootummaan maaliif simintoo daldalaa? Dinagdee addunya keessatti bilisa tahaa deema. Biyya Itoophiyaa keessatti maaliif hidhama? Kana kan gidhaaniif qonnaan bultoonni akka ADWUI filataniif. Yoo filachuu didan xaa’oo dhowwachuufidha. Waan nama ajaa’ibu waggaa kudha salgan har’allee xaa’oo kubbaniyaa dhuunfaan daldalamaa ture. Mootummaan yeroo sanaa xaa’oo dhimma siyaasa isaaniif hin fayyadamne.
Biyyi Itoophiya karaa dinagdee karaa polotikas rakkina keessa jiri. Mallif? Bulchinsi Haayilasillaasees tahe kan Darguu gara dhumaatti ni jeeqame--ammas jeeqamaa jira. Uummanni Itophiyaa kan qabu uummi kun waliin jiraachuu qaba. Sirna federaalan mootummaa tokko jalatti ofiin of bulcha akka lakkooffa isaatti siyaasa keessattii hirmaatte wajjn jiraachuu qaba. Kanaaf kan barbaachisuu dimokraasii dha. Inni amma jiru dimookraasii miti. Mootummaan Itoophiyaa gara dimookrasittii deebi’uu qaba. Karaa tokoo mootii fakkaatanii argamuun sirri miti. Furmaan dimookraasii dha.