Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / DIASPORA
Ongeen Oromiyaa Yaaddesse Oromoo Biyya Alaa Naasise
Credit - reuters

Oromiyaa naannoo Afrikaa Keessatti hedduu lalistuudha jedhamtu gartokkeen ishee beelaan dhahamuun akka isaan naasise hawassni Oromo biyya alaa jiraatan beeksisan Yuuniseef (UNICEF) akka beeksisetti, Itoophiyaa keessumaa naannolee gama kibbatti namoonni gara miliyoona 4 fi kuma 500itti tilmaamaman gargaarsa nyaataa atattamaan barbaardu. Dhaabbleen gargaarsaa Itoophiyaa keessa jiran arjoomtotatti iyyannoo dhiheessaa kan jiran yammuu ta’uu, mootummonni gamtoomanii gaaa naannoo Oromiyaa lafa gammooji horsiise bulaan jiraatutti roobni dhabamuun isaa rakkinicha akka hammeessu ibseera.

Naannoo Oromiyaa, kanaan dura hanqina nyaataa hamaa akkasiitif saaxilamee hinbeekne keessatti rakkinni yaaddessaan akkasii umamuun Oromota Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan hedduu ajaa’ibsiisera.

A.L.A bara 1984 Itoophiyaa kaabaa, kutaalee biyyaa Tigiraayi fi Ertiraa keessatti beelli hamaan gara namoota miliyoona 8 belaaf saaxilee miliyoona tokkotti kan siqan ammoo ajjeese qalbii hawaasa addunyaa hawwatee ture.

Haaluma wallfakkaatun, A.L.A. bara 1972 fi 1973 wayita sirni mootii Hayilasillaasee kufaatii jala gahe, Walloo kaabaa fi Tigirayitti beelli gara namoota kuma saddettam ajjeeseera. Yuuniseef akka jedhutti, yeroo ammaa daa’imman 126,000 Itoophiyaa kibbaatti hanqina nyaatan hubaman waldhaassa atattamaa barbaadu. Namoonni miliyoona afurii 01 tahanis gargaarsa ariifataa barbaadu jedha Yuuniseef.

Miseensonni hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatan hedduun lammiilee isaanii beeela’an kanneen gargaaru barbaadu. Haata’u malee, “essaa akka jalqabanuullee waa tokko hinbeeknuu” jedhu, dhimma biyya isaanii weeb saayitii Awurooppaa jiranirraa kan baran, Obbo Alamaayyoo Raggaasaa.

Kolugaltoota siyaasaa Oromoo keessaa tokko tokkos carraa argame kanaan qabaatanii ibsa siyaasaa laataniru. Isaan keessaa, maqaan isaanii akka dhahmu kan hinbarbadne tokko akka jedhanitti rakkina kana kan uume “Imaammata mootummaa daandii malee deemu” akkasumas “fixan bahuu dadhabuu ofii fudhachuu diduudha.” Mootummaan “furmaata yeroo dheeraa karoorfachuu dadhabuun” rakkoon Oromiyaa keessatti dhalate kun takka turee "Dirree Dawaa keesstti rakkoo beelaa biraa” akka fidu dubbatan.

Rakkinni beelaa Itoophiyaa keessattii uumame kun meeshaalee sab qunnamtii addunyaa fi kanneen dhuunfaa Itoophiyaa keesssa jiran hawwateera. Keessumaa Gaazexaan “Addis Fortune” jedhamu, Oromiyaa, aanaa Siraarootti haala hamaa umame ibseera.

Haa ta’u malee, mootumman meeshaleen sab-qunnamtii muuraasii “rakkina xiqqaa xooxessaa jiru” jechuun balaaleffata. Ministeerri beeksisaa Itoophiyaa akka jedhetti, rakkinichi “to’annaa ala mitti.” Dhimmichis sadarkaa addunyaatti “gattin boba’aa dabaluufi biyyoota guddachaa jiran keessatti fedhiin midhaani akka malee dabaluu isaati.”

Mootummaan UK paawondii miliyoona 5 nanaa dura hirphe malee, paawondii miliyona 10 dabalee Itoophiyaa gargareera. Dhabbanni Misooma Addunyaa Ameerikaas gargaarsa atattamaati meeshaalee bituuf akka oolu doolaara miliyoona 70 guumaacheera. Dhaabbanni kun A.L.A bara 1991 jalqabee gargaarsa namumaaf doolaara biliyoona 2.85 Itoophiyaaf kennuu isaa gabaaseera. Yuunicef akka jedhutti, A.L.A. 2003 yeroo namonni miliyoona 13.2 beela’an turani as, beelli Itoophiyaa baranaa isa hamaadha.

Post A Comment
Comments 3 comments for this article
Added: July 16, 2008. 05:30 PM GMT
Oromoon rakoof uumamte
Haali oromoon keesa jirto dhugaadhaan haalaan yaadisaadha. Afaanin qofaan waan dabaalu dandeenu hinjirtuti mee waan mul'atu tokko haa godhuuf kaanu.

Gakatiina
Anonymous
Added: August 05, 2008. 03:02 AM GMT
Qabsauu
Tokkumma kenya jabeesinee hanga billisummaat qabsauu malle filmata birra hinqabnuu. Dhaabonnii siyasaa ta'ee kanbiroo maqaa oromoon yoo wammaman ta'ee, dubbi oromoo yoo waan issin ququ ta'ee, tokkomma,taitaa dha jattanni walhindhabbinaa,waligalteen hojadhaa,dhimmot irrat walligalu hindandenyee imoo billisumman boda dubbanaa jedhaa birra darbaa.saabnii oroomon billisumma barbada malee titaan kan dhaltta saba oroomo hattauff qassaa jirra malee,nanoo dhaan walqodanni guyyaa billisumma sabba kessanii,hindheeressinnaa. ABO'n kalach qasso oroomoti. yoo badiin jiraatelee karaa siressanii wallin qabssanuu irratt hojachudha malee, gargar qodamanni dinna qawissun wallalummaf ,ofitummaa dha. Injifanoo ummata Oroomof !!! Gadaan gadaa bilissummatii!!!
Jirraa Duee Abaabiyyaa
Added: October 14, 2008. 08:06 AM GMT
yuusuf
warra oromon bilisoomsa jedhe asmaraa taa'ee oromo gabroomfatu kana lakkissaa jedhaani
Anonymous