Oromoonni biyyaa ormaa jiraatan feestivaala guddaa waggaa waggaan agarsiisan kanarratti aadaa, barnootaa, Ispoortii fi kan biroon Adooleessa 18 hanga Hagayya 3,2008tti gaggeefama.
Feestivaallii nama abbaa qabeenyaa Oliqaa Faawundeshiin, Maayik Abbaabaan Ispoonserii ta’e kun, Oromoo ardii Ameerikaa kaabaa fi Awurooppaa irraa kutaa Minisootaa keessaatti walitti fida. Waantoonni feestivaalla kana keessatti raawaataman keessaa koonfiransiin Maccaa fi Tuulamaa dura, koonfiraansiin 8ffa Muusiliimota Oromoo, koonfiraansii 15ffa Gamtaa waldaalee wangeela Oromoo, marii dhimma mirga namummaarratti xiyyeefate koonsilii Oromoo lammii Ameerikaan (Oromoo American Citizen Council—OACC) kan gageefamu, koonfiraansii Hooggantummaa fi koonfiransii Dhabata Qorannoo Oromoo (Oromo Studies Association–OSA) dha.
Dorgommiin kubbaa miilaa 13ffaa fi figichi “Run for Oromia” dorgomtoota Oromootaafi kan Oromoo hintaane lammilee Ameerikaa biroo gidduuttii nigageefama. Bara darbe Maatiyoos Cheesaag (10k) fi Birad Loheeri (5k)n dorgommii figicha dhiiraa gidduutti taasifame yoo mohatan lammileen Itoophiyaa Yiimanashuu Taayyee (10k)fi Ayelech Katamaa (5k)n dorgommii dubartoota gidduutti ta’e mohachuu danda’aniiru.
Kayyoon dorgommii kanaa dhimmaa siyaasaa, dinagdee fi haqa dhabuu Oromoo mudate ibsuuf yoo tahuu dhimmmotaa kanneeniif akka ummanni addunyyaa birmatu hubannoo keenuuffi, jedhu Obbo Maayik.
2nd ANNUAL RUN FOR OROMIA 10K
MINNEAPOLIS, MN AUGUST, 2008
MALE RESULTS
1 Tadese Tola (age 20) West Chester PA (Winning Time: 28:21)
2 Lishan Yigezu (22) West Chester PA 28:27
3 Girma Tolla (33) Bronx NY 28:29
4 Macdonald Ondara (23) Santa Fe NM 28:30
5 Dereje Tadesse (21) Briar Cliff NY 28:32
FEMALE RESULTS
1 Teyha Naser (21) Albuqurque NM 33:34
2 Angelina Mutuku (25) Briar Cliff NY 33:36
3 Aziza Aliyu (22) Bronx NY 33:39
4 Mamitu Daska (24) West Chester PA 33:42
5 Everlyne Lagat (27) Albuqueque NM 33:42
2nd ANNUAL RUN FOR OROMIA 5K
MALE RESULTS
1. Dennis Ndiso (24) Briar Cliff NY 13:57
2. Daane Alemu (28) Silver Springs MD 14:01
3. Macdonard Ondara (23) Santa Fe NM 14:13
4. Richard Kandie (23) Coon Rapids MN 14:13
5. Matt Gabrielson (30) Minneapolis MN 14:17
FEMALE RESULTS
1 Elva Dryer (36) Gunnison CO 16:14
2 Angelina Mutuku (25) New York NY 16:34
3 Genoveva Kigen (25) Albuquerque NM 16:51
4 Everlyne Lagat (27) Albuequerque NM 16:55
5 Leah Kiprono (28) Santa Fe NM 17:16