Ispoortiin diina lama gidduutti qabbana buusuuf humnni yeroo yeroon mul’achaa har’a gaha. Walitti gaarreffannaan Itoophiyaafi Ertiraa giddu jirus humna isportti kana laaffisuu kan danda’u miti. A.L.A. bara 1896 injifannoon Itoophiyaa waraana Xaaliyaan akka malee hidhaterratti gonfatte, injifaajnnoo Afrikaan Awuroppaanota irree cimaa gubanirratti gonfatanniif fakkeeanya muraasa. Haata’u malee, wagga 40n booda, siliilota gaasii summi Xaaliyaan gadhiiste jala baraaruu hindadeenye. Yakki waraana kana bara 1936 hanga 1941itti bulchiinsa waggoota shanan faashistiin Xaaliyaan Itoophiyaa qabatee gara jabeenyaan bulchaa turen bakka bu’uu danda’eera.
Waaggoota shanan sana hidhattoonni Itoophiyaa Raas Abbabaa Aragaayiin hogganamu, weraara Xaaliyaaanirraa kiilomeetira lama qafa fagaatee taa’uun, bara 1941 hanga Biritish waraana Xaaliyaan Itoophiyaadha baastutti dallansiissaa tureera. Haata’u malee, hanga ajaa’ibni ispoortii keessumaa ammo kan kubbaan miilaa dhufee gidduu galutti, gochi suukkaneessaan Xaaliyaan raawwate abbootiifi akaakayyuuwwan keenyan yaadatamaa tureera.
Bulchiinsi Xaaliyaan suukkaaneessaan suu raawwatee waggaa tokko odo hinguutin kilabiin Feinfinnee Qidus Goorgis, kilabii Xaaliyaan Foortituudoo waliin dorgommii walii bahe. Weerarri, bittaafi waraanni hamaan dhumee ji’oota muraasaan booda qophii akkanaratti alaliin hirmaachun biyyoota kanneenif mallattoo araaraati michummaa ajaaibsisaadha.
Har’a mee barreeffama kana keessatti jechoota jaarraa 20ffaa “Xaaliyaan” jedhu jecha jaarraa 21ffaa “Ertiraa” jedhuun bakka haa buusnu. Kan ammaa kubbaa miilaa oduu hintaane atileetiiksii ta’uu isaatin ala, adeemsi of harkaa qabnu tokkuuma. Momorri guguddoon barreeffamni kun itti xiyyeeffatu cimaanis shaampiyoonaa olypikiifi riikoordii addunyaa danuu qabatee kan jiru Atileet Qananiisaa Baqqalaaf olimpikaan abbaa meedaaliyaa birrifi atileetii milkaa’aa dhufe lammii Ertiraa Zarasannaay Taaddasaati.
Atileetonni kun lamaan maqaan ho’a addunyaarratti horatan dhimma biyyoota isaanii keessattillee gahee olaanaa akka bahan kan isaan dandeessisuudha. Yookan namoonni beekemun kan laamaan waan jechuu malan lammiin Itoophiyaas ta’ee kan Ertiraa tokkollee jalaa qabuu kan dide.
Akkuma Itoophiyaafi Xaaliyaan diinummaa dorgommii michummaa walii bahan, Zarasannaay, qoda kilabil Xaaliyaan Fortitudoo, Qananiisaan ammo gooda kilabiin Qidus Giyoorgis bahuu danda’u, Olimpikii baranaarratti. Dorgommii biraa waldorgomuurra darbaanii, nageenyiifi araarri daangaa yerron isaa turuu isaa waliin ergaa cimaa hoggantota biyyoota lamaaniif dabarsuu danda’u.