Opinion| Girmaa Mohaamaadiin
Kaadhimamaan pirezadaantii Ameerikaan,Baarak Obbamaan Oromifa fi Afrikaaf hiika hedduu qaba. Biyyaa namoota adiitii yoo xiqqaate jaarraa shannif namni gurraachi yeroo pirezedaantii ta’ee filamuu guddinaa fi onnachiisaa uumaata Afrikaa–Ameerikaa ta’e mulisa. Garuu Obaamaan Oromiyaa fi Afrikaaf maal fiida? Gaaffii kanaaf debii kennuuf seenaa Ameerikaa waggaa shantamaa duraa, erga sirni gabrummaa badddee booda jechuudha, yeroo ummanni gurraachi loogii irraatti qabsaa’aa ture ilaaluun barbaachisaa taha.
Baroota 1950 fi 1960 tti uummattni Afrikaa-Ameerikaa qabsoo mootummaa Ameerikaa irraatti gaggessaan akkaata lamaan ture. Inni tokkofaan karaa nagaa yoo tahuu Martin Luuter Kiingiin (MLK) dursaamaa ture. Inni lamaffaa amoo mormii karaa waraanaa yoo ta’uu jarri kun biyyaa ofi dandeesse ummaachuuf jarren kuneen dahaabbata Gurraacha Qeerransaa (Black Panthers Organization ) fi looltuu Bilisummaa Gurraachaa (Black liberation Army) turan.
Gareen duraa yookiin warri karaa nagaa, mormii isanii loogii, sanyummaa fi dinagdee sirii hintaane Ameerikaa keessaatti mul’atu mormu turan. Guruu warri qabsoo waraanaa hordofaan ammo bilisuumaa siyaasaa fi biyyaa of dandeessee uumuuf ture. Looltoonni gurraachi kun garatokkoon isaanii gara Afrikaatti deebii’uu kan barbaadan turan.
Garaagarumaa guddaan garee lamaan gurraachaa kana gidduu jiruu gareen inni duraa sababi, biyya Ameerikaa biyyaa akka biyya ofitti fudhatanii keessaatti hojiachuun yoo barbaadu gareen inni lamataa guru uummata gurracha bilisa baasuun biyyaa haaraa uumuu waan barbaaduuf Ameerikaa keessattii hojjeechuu hin fedhu. Sababii kanaaf uummanii Adii Ameerikaa tasumaa garee isa lamataa kana hindeegaran. Karaa biraan garuu, uumaanni Adii Ameerikaa garee isa duraa jechuus warreen karaa nagaa mormii isaanii gaggassan kanneen Martin Luuter Kiingin hoganaman deegaru. Haaluma walfakkatuun, Maartiin Luuter Kiingi bara 1963 akka uummanni Ameerikaa warri Adiilleen isa deegaran dubbateera. Namoota gurracha warraa garee looltuu kan deegaran, Maartiin kan komate yoo tahuu warreen Adii garee isaa deegaran immoo galateefateera. Akkasii akka warra adiis hin gaddisiifneef. “Humin looltuu haaraa uumame kun kan uummata Gurraacha jeeqaa kun tasumaa nu hooganuu hindanda’u. Obboleeta keenya warri adiin har’a asitti agrame kun carraan isaanii maal akka tahee addaan baasaanii hinbeekan.”
Gareen MLKn hooganamu kun deegarasa warraa adii fii gurraachaa waan argateef yoo fiixaan bahu kan warra waraana immoo galmaa hin geenye.
Bara 1950 -1960ffaa keesaa deegaratoonni fi hogantoonni garee warra looltuu bilisummaa Gurracha mana hidhaatatti gataman, torchdii ta’aanii fi yookiin Mootummaa Ameerikaan ajjefaman namoonni miseensota garee kanaa turan hedduun isaanii ajeefaman gartokkeen isaani ammoo hojiin isaanii akka seeraan ala ta’ee itti murta’ee. Gareen warraa gurraacha caasaa Amereikaa mormii kaaniif mirgi namummaa isaaniillee hin kabajmteef. Ajeechaa garee kanaa dabalatee namoota gurraacha garee siyaasaa koministii waliin walitti dhufeenyaa qabanis ajeefananiiru .
Kanaafuu, Obaamaan karaa seenaa sochii uummata gurrachaa lamaan kanarraa ka’uun ilaaluunis ni danda’ma. Obaamaan ilaalchaa yookii sagantaa MLK fakkatu hordofa malee kanneen warra kaanii miti. Obaamaan biyyummaa Ameerikaa mormaa miti, namoota akka inii Islaam waliin walitti dhufeenyaa qabu jedhamanillee baay’ee mormeera. Kana godhee garuu Islaamummaatti qaana’ee osoo hin taanee, fiixaan bahuuf akka namoota warraa Ameerikaatti deemuu, dubbaachuu fi yaaduun barabaachisaa ta’u isaa hubachuun ture. Eegaa Obaamaan amala kanaan garee beekamtiitti waan dhufeef fakkeenyaa garii Oromiyaafi Afrikaaf ta’a.
Yeroo ammaa biyyoota Afrikaa keesaa sanyummaa, gosumma, hiyyummaa, fi haqa dhabuun ni argama, Afrikaa kessatti gosti tokko yookiin gara biraattii babalachuu yookiin amoo koloneefatamuun wagga 100 darbaaniif waanturaan gosni garee looltu akka looltuu Bilisumma Gurraachaa (BLA) waggaa 50 dura Ameerikaa keessa hin qabne hin jiru. Naayijeeriya, Ugaandaa, Itoophiyaa , fi Sudaan waliigalatti mootummaan Afrikaa tokkoo tokkoon isaanii sochii bilisummaa gosaa hin waraannin hin jiru. Haaluma walfakkatuun akkuma MLK, karaa nagaan mootummaa kan mormaan biyyaa Itoophiyaa dabalatee ni jiru .
Ameerikaa keessaatti jarreen karaa nagaa mormii gageessaa turan Martiin Luuter kiingifaa injifannoo aragataniiru. MLK fiixaan baheera. Obaamaaniis buu’aa fixaan bahiinsa kana ta’a yoo pirezidaantii Ameerikaa ta’eef .
Itoophiyaa fi biyyootaa Afrikaa heddu keessaatti kaan moo’atee hin jiru. Fakkeenyaaf Mormii karaa nagaa Itoophiyaa keessaa WFDOn yoo gageefamu karaa hidhannaa mormii kan gageessu ABOn yoo ta’us jarreen kun hordoftoota horrachuuf bayyee hojjechaa jiru. Kanaafuu hojii MLK biyya Ameerikaa kessaafii seenaafii waa’ee amma Afrikaa keessa jiru yoo ilaalee Obaamaan abdii Afrikaanoota hundaa hin tahu .