Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / ARTS
Eelan Ija Og-Baruun Yoo Qeeqamu

Fiilmiin Eelaa, Afaan Oromoo yookin seenaa Aartii Oromoo keessatti, xinnaatee xinnaatu ‘ulaagaa fiilmiin tokko guutuu qabu guutun fiilmii jalqabaati. Fiilmiin kun bara 2005 /1997/ hojjatamee dhumee ummata hedduun waggaa lamaaf iskiriinin kan daawwatame yoo ta’u, jiddu gala bara 2007/1999/Viidiyoon /VCD/ bahee hanga ammaa si’aayina gaariin dowwatamaa jira.
Fiilmiin kun fiilmii jalqabaa ta’u qofa otoo hin ta’in Aartii Oromoo keessattu sinimaa Oromoo du’aa fi jiraa jidduu jirutti lubbuu horuu danda’ee jira. Kana malees, hawwaasa aartiichaa biratti jaalala fi gammachuu uumun mata duree marii fi falmii ta’uu danda’ee jira.

Kana irraa ka’uun anis fiilmii kana akkan hubadhetti, ogummaan Aartii qeequu haala naa eyyamuun dubbistoota koof dhiyeessuu kanan barbaadef. Haaluma kanaan dura ergaa irraa isinii yaa ka’uu

Fiilmii Eelaa ija Saayikoolojiin
Eelaan gosa taatotaa ciccimoo lama qaba: taatoo falmaa /protagonist/ fi taatoo mormaa /Antagonist/. Taatoo falmaa keessatti kan ramadaman, Rabbirraa, Haadha Rabbirraa fi Siifan yoo ta’an taatoo mormaa keessatti immoo Caaltuu fi Surraan kana jalatti ramadamu ni danda’u.
Haaluma kanaan akka Saayikoolojiin /psychoanalysis/ jedhutti mucaan /ilmi dhiira/ tokko daa’imumma isaa irraa jalqabee jaalala haadha isaan qabama, haati isaas jaalala ilma ishiin qabamti. Kun Afaan Ingiliizin “Odipas kompileeksii” jedhama. Odipas kompileeksiin kan dhufe seenaa kitaaba odipas ze kingi jedhamu irraa. Kitaaba kana keessatti Odipas haadha isaa otoo hin beekin waan fuudheef kanuma fudhachuun ittiin moggaasan.
Kana Eelaa wajjin maaltu walitti fida jennee gaafachuu dandeenya. Akkanatti kan walqabatu. Eelaa keessatti taatonni adda dureen walfalman haadha Rabbirraa fi Caaltu dha. Haati Rabbirraa akka hiika Saayikoolojii arman olitti kennetti ilma ishii ni jaalatti. kanaaf dubara biraa akka laalu yookin jaalatu hin barbaaddu. Asitti “Hojjattuu manaa fuudha?” jettee kan dubbattu itti qabata qofa malee dhugaan duuba jiru jibba ishiin dubartoota ilma ishii irraa fudhachuuf ta’an irraa qabduu dha.
Kana kan nuu dhugoomsu, gulantaan hawwasummaa /social status/ kan cinqu qabu ishii qofa hin turre. Akkuma ilmi ishii hojjattuu manaa fuudhun ishii qaanesse, Abbaa manaa ishiis qaanessuu qabaa ture. Abbaan manaa ishii garuu asirratti callisaa ture. Dhimma kana irratti waan tokko hin dubbanne. Kan biroo hafee, itti gaafatamummaa abbummaa hin baane.Darbees immoo imaanaa ilma isaa nyaatee jira. Kanaaf abbaa dadhabaa ta’eeti kan muldhatu.Dheekkamni ishii garuu kan gulantaa hawwasummaa otoo hin ta’in rakkoo Odipas kompileeksii fakkaatee addaatee muldhata. Egaa ija Saayikoolojiin Eelan haalan hubannoo Saayikoolojiin hojjatame jeechuun ni danda’ama. Dhiibbaan Odipas kompileeksiis haalan waan addaate muldhatuuf.

Eelaan ijaa Maarkisiizim fi qabsoo Oromoon yoo ilaalamu.

Akkumma baayyeen keenya beeknu qabsoon Oromoo kan dhalatte walitti dhufeenya gitootaa, akka kaarli Maarki jedhutti, wal-falman irraa dha. Kanaafi Siifan qabsoo Oromoo fakkaatti. Caalaa ifa gochuuf, Eelaa keessatti abbaan Rabbirraa fi haati Rabbirraa walumaa galatti maatin isaa Oromoo gita olaanati. Rabbirraanis maatii gita olaanaa kana irraa dhalatee qananiin guddate. Yaa ta’u malee gaafa of baree, adunyaa baru, ummanni baadiyyaas lammii isaa, uumata isaa ta’uu barraan isaan tajaajiluuf isaanif dhaabbachuf murteesse.Kanaaf Kinilika baadiyya keessa galuun isaan tajaajilaa kan ture.Kanaaf irra deddeebi’ee “kan akka baadiyyaa maaltu jira?” kan jechaa ture.
Asi irratti seenaa Taaddasaa Birruu fi abbooti qabsoo Oromoo Waldaa Maccaa fi Tuulama keessa turan yaa ilaalu. Namoonni kun Oromoo gita olaana turan. Hundi isaaniyyuu jechuun ni danda’ama sirna Fiwudaala sana keessaa iddoo guddaa kan qaban ture. Garuu haala sanaan, qananiin jiraatanis jireenyii,badhaadhina wantootatii /material prosperity/ol akka ta’e hubatan. Keessattuu Taaddasaa Birruu, mana muummee ministeeraa wayta sanii kan ture, Akiliiluu Habatawalditti, maal akka bareef ergasii maal akka murteesse,kun immoo qabsoon Oromoo akka dhalatu shoora akkamii akka taphate hunda keenyaf ifaa dha. Kanaaf kun Rabbiirraan wal hin fakaatuu laata?
Mee gara Caaltuu yaa ilaallu.Caaltuun maatii iyyeessaa irraa badiyyaatti kan dhalatte, iyyeettii homaa hin qabnee dha. (Iyyeessa baadiyyaa yoon jedhu hiika yeroo duriin qabeenyi baadiyaa akka homaattuu waan lakkawwamuuf ummanni baadiyyaa martuu akka iyyeessaatti lakkawwama). Kanaaf mana Rabbiirratti galtee hojachaa turte. Iyyeettii taatus dureessa jaalachuu hin sodaanne. “Ani iyyeetti dha inni dureessa” jettee hidhaa gitaan hin hidhamne. Caalattuu akka wanti akkasii hin jirretti lakkaa’un Rabbirraa, wantoota isa duuba jiranii fi inni qabuun otoo hin ta’in akka namaatti qofa jaalachuun isaaf of kenite. Jaalala isaaf ilmoo ishiif of wareegde.
Seenaa Oromoo keessaa mee seena Waaqoo Guutuu fi Fincila Qotee-bulaa Baalee yaa yaadannu. Waaqoo Guutuu maatii qotee-bulaa (Horsiisee bulaa?) irraa dhalatan. Lafa isaanii Baale jiru irraa buqa’anii gara Booranaatti godaanan. Achiis immoo gara Keeniyaatti godaanaa gaafa jedhaman fincilan. Waaqooni, Taaddasaa fi Miseensonni Maccaa fi Tuulama Oromoo gita olaanati, Oromoo magaa latii, nuti Oromoo gita gadi aanati, Oromoo baadiyyaati jedhanii erga fi gargaarsa gaafachuu hin yaallofne.
Ittuu harka wal yaa qabannu jedhaniiti karaa Haaji Aadam Saaddoon ergaa kan ergatan. Yeroo kana Haaji Aadam Saaddoos harka mootummaa Hayila Sillaasee bu’unan jechama yoomiyyuu hin irranfattamne“ kan garaa kootii baate garaa kootti deebisadhe, ammaan achi maal fidda” jedhanii waraqaa Waaqoo Guutuu Taaddasaa Birruuf barreessan alalchani kan liqimsani.
Egaa mee Waaqoo Guutu fi Fincilli Qotee-bulaa Baalee Caaltuun wal hin fakaatu. Harka walqabannaan Maccaafi Tuulamaa fi Fincili Qotee-bulaa Baalee, akkasumas sochii baratoota Oromootu qabsoo Oromoo uume.
Egaa Siifan dhuma irraa yunivarsiitii akka galte ni argina. Kanaaf qabsoo Oromoon wajjin wal hin fakkaatu jettuu? Akkuma qabsooni Orommoo Maccafi Tulamaa (dureewwan turan) fi fincila Qotee-bulaa Baalee (iyyeessa turan) irraa dhalatte, siifani Rabbirra dureessa turee fi Caaltuu iyyeetti turte irraa dhalatte.

[ Kan hafe torban itti deebina torban gaarii ]

Post A Comment
Comments 1 comments for this article
Added: October 16, 2010. 05:10 AM GMT
Hubaanoo koo cimseera
Filmii eelaa ilaalee garuu ani akka kanaati yaadee hin ture amma garuu hubaannoo gaarii argadhee galatoma



Rabbii waan hawwitaan isiinif haa Kennuu caalaa Adaamaa irraa
Sabkeebaar
 
Article Popularity
Views
Comments