Dhabbanni Fayyaa Addunyaa (DFA)n akka beeksiseetti, Itoophiyaa keessatti hanqinni nyataa fi tamsa’inni dhukkuboota dhala namaaf gamsiisaa jiru.
Gabaasni VOAn Jeneevaa irraa dabarseen akka ibseetti, DFA namoota kumaatamaan lakkaa’aman dhukkubbaan dararamaa jiraniif doolaara miliyoona 25 arjoomeera.
Akka gabaasa AFAtti, yeroo ammatti, Itoophiyaa keessatti namoonni miliyoonni 4.5 ta’an hatattamaan nyaata kan barbaadan yoo ta’u lakkoofsi kun kan dabalaa deemu ta’uu isaati.
Dhabbatichi, rakkoon fayyaa hammaachaa jiru kun addunyaa irratti rakkoo hanqinaa nyaataa gadhee akka ta’ees akeekachiiseera. Gammoojjummaa oomishaa qonnaa irra gahee dabalatee, caasaan fayyaa biyyittin qabdu dadhabaa ta’uun isaa rakkinni fayyaa akka cimuu taasisuu isaa beeksiseera.
Akka eejeensii fayyaa Tokkummaa Mootummootaatti, ji’oottan dhufaniitti roobni roobu lolaa cimaa, balleessa midhanii fi ka’umsa dhukkubootaa fiduu danda’a.
Dubbi-himaan DFA, Paawul Gaarwood, akka jedhaniitti, hawaasni Addunyaa Itoophiyaanota miliyoonaan lakka’aman balaa kanaan rakkachaa jiran keessattuu, daa’imman, dubartootaa fi maanguddoota gargaaruuf ariifachuu qabu. “Akka argaa jirrutti, daa’imman waggaa shanii gadii kumni torbaatamii shan (75,000) wal’ansa fayyaa fi nyaata dabalataa barbaadu,” jedhu Gaarwood. “Ji’oottaan darban sadaniillee yoo akka fakkenyaatti fudhannee, hanqinni nyaataa garmalee itti hammaachaa deemee. Wiirtulleen nyaataa kan mootummaa dhibbaa lama turan amma dhibba jahaaf shan gahaniiru. Innu naannoollee biyyitti beelli itti hammaatee saditti.”
Waggootumma nagaa jedhaman keessatillee halli fayyaa Itoophiyaa gaarii akka hintaane kan ibse gabaasni kun’, rakkoon beelaa barana osoo hinka’iin durayyuu, uummannii biyyitti dhibbeentaan jahatamni (60%) hanqina nyaata cimaadhaan yookaan hammaadhaan dararamaa jiraatu. Hammuma nyaanni hanqachaa fi beelli baay’atu kanaan ammo dhukkubni hanqina nyaataas garmalee cimaa akka dhufu akeekachiseera.
Gaarwood akka jedhanitti, bishaan dhugaati qulqulluu dhabuun hanqinni qorichaa fi gargaarsa wal’ansa fayyaa dhabuun namoota hiyeyyii dhukkuboota dadarboof akka saaxilamaan taasiseera. “Dhukkubboonni gurguddoon amma nuti argaa jirru maanjal’oo, gifiraa fi garaa kaasaa yoo ta’u keessattuu garaa kaasaan bishaanii cimaadha.”
“Dhukkubboota kana sadaniin namoonni meeqa akka du’an wantin beeke hin jiru. Garuu dhukkubboon kun sadaan biyyitti keessaatti hammachu isaaniitifi dandeettiin isaan nama ajjeessuuf qaban ammo bay’ee cimaa akka ta’eedha,” jedhu Gaarwood.
Gargaarsi Eejeensii Tokkummaa Mootumootaa irraa kenname doolaarra miliyoonni 25 kuniin Itoophiyaan seektara fayyaa ishee akka cimsaattu fi namoota balaan kun irra gahees akka ittiin gargaartuuf kan ooluudha jedhame.