Hoggantoonni mootummaa naannoo Gambeellaa jeequmsaa bara 1996n wal-qabatee akka gara biyya Kanaadaatti hin seene dhorkamaniiru. Jeequmsa kanaan Anyu’aakonni 400 tahan du’aniiru jedhamee yaadama.
Hoggantoonni kunneen hawaasa Gambeellaa Kanaadaa jiratani waliin waa’ee dhimmaa Itoophiyaa fi addatti immoo waa’ee dhimmaa naannoo Gamballa mari’achuuf karoorfatanii kan turan yoo taheyyuu hoggantooni kune tarii jeequmsa kana keessaa harkaqabu yaada jedhuun akka Kanaadatti hin seene dhorkamaniiru.
Akka gabaasa marsaan Interneetii (Canada.com) baasetti lammiileen Gaambeellaa Kanaadaa jiraataan gaaffii ciccimmoo mootummaa naanoo Gaambellaa gaafachuuf qophiirraa jiru.
Akka gabaasametti, deegartooni maarii kanaa Obbo Omot jeequmssaa sana keessaatti akka hin hirmaannee fi jeequmsaa sana tasgabbeessuuf yaalii gochaa akka turan ni dubbatu. “Mootummaan Kanaadaa sababa tokkollee nuuf hin laanne. Maaliif akka Omot dhorkame waan beeknu hin qabnu,” jedha deegaraa fi qindeensa maarii kanaa kan tahe Gatku’ooz Bim.
Ojuluu Didumoo lammii Gaambeellaa jiraataa Kanaadaa, Idimentini yoo tahu maarii kanarratti hirmaachuuf bakka mariin kun itti taa’amuu dhaqun gadduu isaa dubbateera. “Nuyi maatii biyyaa qabna. Kanaafuu dhimmaa biyya keenya dhagahuu barbaana,” jedheera.
Qaamni mootummaa Kanaadaa yaada kanarratti waan tokkollee hin jenne.