Imbaasiin Yuunaatyid Isteet fi Sagantan Nyaata Addunyaa akka beeksisanitti gargaarsa motummaa Itoophiyaa doolaarii miliyoona 70 karaa dhaabbata gargaarasaa USAIDn ji’a lamaan darbani keessatti gumaacheera.
“Yuunaayitid Isteet, dhaabbilee gargaarsaa fi mootummaa Itoophiyaa waliin wabii nyaataa mirkaneessuuf ni hojjetti. Gargaarsi Idla Addunyaa yeroo roobni arfaasaa badetti Itoophiyaa akka barbaachisuu hubanneera,” jedhaniiru Doonaald Yamamotoo Ambaasaderri Ameerika.
Mahaamed Diyaab, Bakka Bu’aa fi Daarikteeri Biyyaa Sagaataa Nyaata Addunyaa Itoophiyaa, “Garggaarsa akka dhaabbnani keenya lammii Itoophiyaa qaqqabnu waan nu garggaareef USAID ni galateefanna. Gargaarsa USAID walirraa hincineefi guddaa taasiseef Dhaabbanni Sagantaa Nyata Addunyaa yeroo beelaa fi gargaarsa guddaa taasisuuf gumaachi USAID baay’ee guddaadha. Haa tahu malee, namoonni yeroo ammaa gargaarsa nyaataa hatattamaan barbaadan gara miliyoona 4.5 olitti guddateera. Akkasumaas namoonni gargaarsa dabalataa barbaadan miliyoona 5.8 tahu.”
Gargaarsi mootummaa Ameerikaa kun kan kennamuu danda’ee sababaa hir’ini roobaa fi mii’ayinni nyaataa Itoophiyaa keessatti mul’ateef akka tahe beekameera.
Karaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa doolaarii miliyoona 70 Itoophiyaaf kenne kun gargaarse nyaataa meetiriik toonii (MT) 95,510 tahuu akka tahees ibsameera. Gargaarsi nyaataa hafemmoo hanga Adoolessaatti Itoophiyaa akke gahu beekameera.
Dhaabbanni gargaarsa USAID naannolee Itoophiyaa keessaa beelaa yeroo hedduu saaxilamaniifi gargaarsa misoomaaf baajeta 2008 doolaarii miliyoona 10 baasuun gargarsaa laateera.
A.L.A bara 1991 irraa kaasee USAID doolaarii biliyoona 2.85 ol gargaarsa namummaa Itoophiyaaf kenneera. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa balaan beelaa isaan mudate keessaa sadardaa 2ffa irratti argamtti.
Daarikteerri Ittisa Balaa fi Ejensii Qophaa’ummaa ItoophiyaaObbo Simoon Mechallee akka dubbatanitti gargaarsi dhibbanta 89.1 tahuu mootummaa Yuunaaytid Isteeti irraa Itoophiyaaf kennama