Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / AFRICA
Loltoonni Itoophiyaa guyyaa120 booda Somaaliyaa Dhisanii Bahuu
Credit - AFP

Waliigaltee nagaa jaarsummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin mootummaa fi mormitoota Somaliyaa giddutti tahetti loltoonni Itoophiyaa guyyaa 120 booda akka Somaaliyaa gadhiisan murtaa’eera.Waliigalteen xumuramus Moqaadishootti waraansi akkuma itti fufeetti jira.

Waraansa fi jeequmsa waggaa 17f Somaaliyaa keessa ture waliigaltee nagaa Jibuutii kun ni dhaaba jedhamee abdatameera.Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bakka bu’uun yaa’ii nageenya kana marii’achiisa Mr.Ahimeduu Oliid Abdallahii akka dubbatanitti waliigalteen nagaa kun mootummaa Somaaliyaa fi Gamtaa Bilisummaa Lammaffaa Somaaliyaa giddutti taasisame.

Waliigalteen nagaa yaa’ii guyyaa saddetiif Jibuutiitti taa’amee ture walwaraansa guyyaa soddoma keessatti akka dhaabanii fi guyya sagaltamaa booda immoo akka irra deebi’amee ilaalamu ture.Akkasumas,loltoonni Itoophiyaa guyyaa 120 booda jechuu erga Humni Nagaa Kabachiisu kan garee Dhaabbata MootummootaGamtoomanii gara Somaaliyaatti bobba’anii booda.

Haatahu malee,waliigalteen kun mormitoota qabsoo hidhannoo gaggeessan hunda waan hin hirmaachifneef xiinxaltoonni ija shakkiin ilaalan ni jiru.Keesumaa mormitoonni akka Al-Shibaabii fiGamtaa Mana Maree Islaamaa, “dura loltoonni Itoophiyaa somaaliyaa keessaa haa bahan.Yoos mari’anna.” Ejjennoo jedhuun yaa’ii kanarrattii otoo hin hirmaatii hafuun isaanii waliigaltee kana akka hin gufachiifne sodaata.

Kun otoo kanaan jiruu, guyyuma waliigalteen kun rawwatame waraana magaala Moqaddishootti ka’een namoonni 28 tahan du’uun isaanii gabaasni achii bahe ifa godheera.Humni nagaa kabachisaa Afrikaa 2200 tahan yoo boobba’anille nageenya eeguuf baay’inni isaanii xiqqo waan taheef rakkoon namummaa akkasii Somaaliyaa keessatti gonkuma hanga ammaatti hin mul’aanejedhu hojjettoonni gargaarsa. Rakkoo kanaan namoonni miliyoona tokko ol tahan bayyaa baqatanii bahaniiru.
Erga pirezidaantii Mahammad Seyid Barre aangoo irra bu’aanii jechuun A.L.A. bara 1991 irraa kaasee Somaaliyaan lolaan jeeqamaa jirti.

Post A Comment
Comments 0 comments for this article