Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
Reader Login
Username:
Password:
 Save Login?
Free Sign-up
Forgot Password?
Reader Control Panel
 
 
 
HOME / Afaan Oromo / AFRICA
Loltoonni Ertiraa fi Jibuutiin Waliigalan

Loltoonni Ertiraa fi Jibuutii torbeewa darban kaasee daanga irratti akka wal waraanaa turan yeroo dhukaasa dhaabuuf waliigaluu isaanii gabaasameera. Dhaabbata mootummota gamtoomaniittii, manni mare tasgabbii gareen lamaanuu atattaman dhukaasa akka dhaaban waamicha dhiheessuun isaa niyaadatama.

Lolli jalqabaa kan adeemsifame naanno daangaa Jibuutii gara kaabaa Ras Doumeniya jedhamuutti yoo ta’u, iddoo walfakkaatutti haleellaa raawwatanii turan.
Mootummaan Ertiraa Jibuutiin Itoophiyaa deeggarti jechuun yoo komatu, Jibuutiin immo Ertiraan finciltoota Jibuutii gargaarti jechuun himatti.

Akka ibsa raayyaa Jibuutitti, Ertiraan humni waraanaa Jibuutii koolugaltoota Ertiraa 30 akka gadhistu gaafatte. Ertiraan otoo hin yaadaamne dukkanaa keessa waraanaa Jibuutirratti halella raawwatte. Jibuutiinis haleella kana ofirra faccisuuf akka diqam ishee ta’u gabaasame.

Akka dhaabbata mirga namummaa addunyaatti immoo, dargaggoonni Ertiraa kumaatamatti lakkaa’aman waggaa waggaan biyya isaanii gadhisanii godaanaa jiran.
Manni mare tasgabbii Mootummoota Gamtoomanii gama isaatiin akka gabaasetti, Ertiraan finciltoota Jibuutii alatti, finciltoota adda addaa kan Itophiyaas akka deegartu beeksiseera.

Dhimmi kun kanaan dura bara 1990 waraana Sudaniifi Ertiraa giddutti naannoo Kasalatti ka’eef akkasumas bara 1998-2000tti waraana cimaa Itoophiyaaf Ertiraa giddutti uumameef sababa ta’ee akka ture dabalee yaadachiiseera.

Post A Comment
Comments 0 comments for this article
 
Article Popularity
Views
Comments