Balaa Xiyyaara Sudaan Mudateen Yoo Xiqqaate Namooni 30 Tahan Du’aniiru
Xiyaarri daandii qilleensa Sudaan buufata xiyaaraa Kartuumitti erga kubate booda ibiddaan qabachuun xiqqanaan namoonni 30 ta’an du’uun isaanii gabaasame.
Akka sabqunnamtiin Sudaan ibsetti, imaltoota 203 ta’an keessaaa walakkaa kan ta’an balaa kanaan du’uun isaanii hin oolle.
Oogantoonni Sudaan akka mirkaneessanitti immo xiyaarri balaan irra ga’e kun kan daandii qilleensaa Sudaan akka ta’ee fi Jordaanii ka’ee karaa Syriaa Damaskus gara Sudaanitti balali’aa ture.
Akka dursaan poolisii Sudaan, Mohammad Najib jedhanitti, balaa kanaaf sababa kan ta’e haala qilleensaa badaa yoo ta’u, xiyyaarichis otoo ibiddi itti hin qabatin dura iddoo lamatti addaan ba’eera.
Caamsaa darbes xiyaarri tokko kufee caccabuusaatiin namoonni 24 du’uu isaanii kan yaadatamu yoo ta’u, inni ammaa kun dabalamuunsaa immo amansiisummaa daandii qillensaa biyyatti irratti dhiibaa akka qabu gabaasameera.